Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walitti Bu’iinsi Gujii Fi Geedi’oo Gidduu Maal Fakkaata?


Itoophiyaa map
Itoophiyaa map

Naannoo Oromiyaa Gujii fi Geedi’oo waliin wal daangessu irra uummata jiraatan gidduutti walitti bu’iinsa uumameen lubbuun namaa darbuu fi qabeenyaan barbadaa’uu akkasumas uummanni qe’ee ofii irraa godaanuun gabaasamee jira.

Haala gamas jiru jiraattota fi angawoota naannoo lamaanii biraa deebii argannee jirra.

Lammiin Geedioo Gujii lixaa keessa jiraatan tokko haala uumame ennaa dubbatan haala suukaneessaa dhaan namoonni nu duraa du’aniiru jechuun himatan.

Dura taa’aan dhaaba dimokraasummaa uummata Geed’oo obbo Alastaa Mangashaa

akka jedhanitti tilmaama naannolee adda addaa irraa argataniin uummanni walakkaa miliyoonaa buqqa’ee kanneen 75 ta’u du’aniiru yoo jedhan bulchaan godina Gujii Lixaa Obbo Abarraa Buunoo immoo ragaa qabatamaa of harkaa qabnuun gam lachuu irraa uummata kuma 100 oltu buqqa’e kanneen 30 ta’an du’aniiru jedhan.

Walitti Bu’iinsi Gujii Fi Geedi’oo Gidduu Maal Fakkaata?
please wait

No media source currently available

0:00 0:11:25 0:00

XS
SM
MD
LG