Xurree ittiin seenan

Breaking News

“Mootummaan Soodduu Jaatanii Alii Maarsabiit Jiru Oromiyaatti ni Deebisaa laata?”


Soodduu Jaatanii Alii Maarsabiit Jiru
Soodduu Jaatanii Alii Maarsabiit Jiru

Jaatanii Alii kufaatii mootummaan dargiin duuba Keeniyaatti ajjeefamanii Maarsabiititti ka awwaalaman yoo tahan, jiraattonni Godina Booranaa soodduun isaanii gara Oromiyaatti utuu deebifamee jechuun gaafatu.

Bara 1944, Boorana, Meelbanatti dhalatan jedha seenaan isaanii. Jaatanii Alii Tandhuu, maqaa nami cufti ittiin isaan beekudha, maatii fi firoottan isaanii ammooo Kiitee jechaan isaan yaamaa jedhu Abba Falmata Jaataanii Diidaa Boruu; Qorataan Aadaa fi Seenaa. Yoo dubbatanis Jaatani Ali Tandhu gaafa jalqaba Areerotti isa arge jedhan, Jaataniin Muudamee akka dhufe, dheeraa ija gurguddaa nama simboo qabu, ka dubbatees name dhaggeeffatu ture jedhu.

“Mootummaan Soodduu Jaatanii Alii Maarsabiit Jiru Oromiyaatti ni Deebisaa laata?”
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:44 0:00

Akka Abba Falmata Jaatan jedhanitti, Kiite (Jaatani ALii Tandhuu) xinnummatti farda gulufuu akka jaalatu himu, warri maatii isaatuu farda akka qaban eeranii, Jaataniin maatiirraa kana dhaalee jedhu.

Sana booda bara san biyya ka bulchaa turan Tafarii Mekonnen; Aatsee Hayle Sillaasee, carra barnootaa ijoollee hedduuf kennaniin muca diqqaan alas farda gugsuu jaalatu Jaataniinillee Finfinne dhufee mana Barumsaa gullale jiru Medaaniyaleemitti baratee jedhu.

Akka Abba Falmata jedhanitti, Jaatani Ali Barnoota isaanii kutaa 1 – 6 mana barumsaa Medihaaniyaalemeitti, sadarkaa lammaffaa Jeneraal Wiingetitti xumuranii achiin mooraa leenjii poolisii seenan. Yeroo kanas Iluu Abbaa Booraa dabalatee bakkeewwan gara garaatti saba tajaajilaniiru jedhu dabalataan.

Duubarra, bulchiinsi Aatsee Hayle Sillaasee Jaatanii Alii nama dubbatee amansiisu fi qaroo tahuu argee, ofirraa fageessee jechuunis dubbatu. Sana boodas bara 1975 gara Kutaa Bulchiinsa Sidaamaa alasii Hawaasaatti ergamani. Bara kanaa aansuun Jaataniin hosrsiise bultoonni jireenyi isaanii akka fooyawu waan hedduu dalaganii jedhu.

Yeroo kana Hamer, fi Booranatti keessumaa hawaasi horsiisee bulaa jireenya isaa akka fooyyefatu hedduu barsiisan jedhu.

Erga kana hojjetaa turaniin booda bara 1991, mootummaan dargii kufe. Sana boodas Humni Hizbaawwii Weyyaanee haarinnet Tigraay yoo biyya qabatu, Jaataniin warra kana duuka hojjechuu waan hin feeneef biyyaa baqatanii jedhu. Yeroo baqatan kana dhaqanii embaasii biyya alaa naayroobii jirutti kooluu galuuf turee yaadni isaaniis akka Abba Falmataa jedhanutti.

Garuu kun hin taane, tilmaamaaan gara ji’a Afuriif yoo hoteela turan yeroo adda addaa yaaliin reebichaa fi saamichaa irra gahaa utuu jiruu ofirratti ilaalan name isaan guula tures ahgas eeggannoo hin taasifneef

jedhan. Achiis yaalii ajjeechaa hedduun booda Adoolessa 2, bara 1992 Keenyatti ajjeefamee booda maarsabiititti awwaalamuullee eeran.

Jaatani Boonayya, dhalata Booranaati, barsiisaadhas. Wanni Jaatani Ali Tandhuu biyyaaf oole sirriitti hin leellifamne, mootummaan ammas waan inni hawaasa naannoof yaade sirriitti lafaan gahuu malee jedhe. Kana malees awwaalli Jaatanii Keenyaa keessa jirullee ol dhufuu qabaa jechuun VOA’tti hime.

Obbo Boonayya Diidoo, Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Mootummaa naannoo Oromiyaatti; Ogeessa qorannoo seenaa fii Aadaati. Mootummaan seenaan kumaalaa jaatanii Alii akka yaadatamuuf projektoota hedduu maqaa isaan moggaasee jedhan. Yoo kallattiin eeranis, manneen barnootaa hedduun, akka maqaa isaaniin moggaafaman, darbees dhiyeenya siidaan isaanii magaalaa Guddittii Godina Boorana Yaa’a Ballo’tti ijaaramee eebbifameera jedhan.

Komii jiraataan Godinichaa kaasan waa’ee soodduu Jaatanii Alii Maarsabiit Keeniyaa jiru ilaalchisees ofii isaanii kanaan dura soodduu Jaatanii Maarsabiit jiru akka dhaqanii ilaalan raga bahan. Yoo dubbatanis, kanaan dura mootummaan duraan ture akka soodduun kun biyyatti deebiwu hin fedhu ture kanaaf rakkoo tahe; amma garuu mootummaan hin mormu jedhan.

Jaatanii ALii Tandhuu ganna 29 jimaata dabree Adoolessa 2, bara 1992, Naayroobii naannoo Ngara jedhamutti ajjeefamani.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG