Xurree ittiin seenan

Breaking News

'Investerii ummata gargaaruu baannaan investera hin ta'u'


'Abbaan hiyeessaa', Dinquu Dayyaasaa istuudiyoo VOA, DC jirutti
'Abbaan hiyeessaa', Dinquu Dayyaasaa istuudiyoo VOA, DC jirutti

'Abbaan hiyyeessaa,Dinquu Dayyaaaa' waajjira VOA,DC dhufee yoo ummataa kiyya qarqaare gammadaa jedhee itti himr
please wait

No media source currently available

0:00 0:13:49 0:00

Obboo Dinquu Dayyaasaa,abbaan Naa’ol, dureeyyii Oromoo gargaaruun maqaa baafatan keessaa tokko.Abbaan Naa’ol durii km 10 oli baaddiyaa keessaa miilaan deemee barate.

Birrii 3,000 argatetti horeefii asi gaheef. Obboo Dinquun gaafuma diqqaatuu waan haadhaa fi abbaa ufii biyyaan gargaaran laalaa guddate.

Abbaan Naa’ol,obbo, Dinquun dhiphuu fi bal’inna hedduu keesa bahee duroome.Maatiin obboo Dinquu Shawaa Dhiyaa, Walancitii aanaa Boset qubata. Obboo Dinquun gaafa sadarkaa jidduu galeessaa baratu ijoollee didiqqoo gaaddisa muka jalatti barsiisaa bahe.

Maammoo Gadaa,jaarsi biyyaa, bara ufiitti akka namii ijoolle barsiifatu ollaa keessa deemee lallabe.Obboo Dinquulleen ijoollee obboo Maammoon barnootatti oofe keesssaa tokko.

Obboo Dinquu birrii 3,000n namii kenneef walirra buufatee mana barumsa sadarkaa tokkeessoo,amma fulaa saddeetti jaaran jaarrate. NFYD,qubee qaraa maqaa ijoollee obboo Dinquuti.

Hujiin obboo Dinquu NFYD irraa Rift Valley College taatee guddatteef. Achii ammoo Yuniversiti Rift Valley university taateef Itoophiyaa damee 46 taatee guddatte.

Qaanqee muka guddaa ollaa naannoo Booseti keessaa xinnixxe amma fulaa hedduu geette. Fedhii obboo Dinquu akka namii baratee mirga ufiillee beeku tolchuu jedha.Fulaa koollejjin hingeenneef manamana barumsaa fagoo bartan.distance education fulaa 300 caalaa qaba.

Guddinna Afaan Oromoo

Akka obboo Dinquun jedhutti Afaan Oromoo guddisuuf keesatti ganna 16 fi 17 duratti akka ijoolleen Oromoo yuniverstii eebbifamte yoo boqonnaaf qahee ufiitti galte Afaan Oromoo barsiisftu horiin gargaaraa bahe.

Ijoollee kahimaa horii horachiisuuf

Obobo Dinquun akka ijoolleen qonnaan bulaa fi horsiisee bulaa investerii tahan fedha.Akkuma kanaan bara Wallaggaa keessatti lafa qonnaa ta Misooma Qonna Bareedaa isaa kennan qarxiin ciree ijoollee naannootii qoodee akka isaan waldaa jaarratanii irratti wal guddisan kenneef.

Adaamaatti ammoo akka ijoolleen kahimaa hujii investimenti mataa ufi qabatu tolchuuf jajabeessaa fulaa albuudaa fi dhagaa manneeniin jaaran qotaniif ufii bitate maashina dhagaan cabsan,CAT jedhan waliin biteef kenneef.

Sodoree duratti suuqilee ijoolleen naannoo daldalaan ufi jabeessuu dandahan 40 caalaa jaaree kenneef .“Horiin baayyee qabaadheefii miti namoonnii akka kiyyaa baa’eetti jira.Ana ilaalanii ummata akka gargaaranii fedha.”

Baalee keessatti lafa qorannoo irratti hojjachuuf fudhate bal'oollee qonnaan bulaa qoodee akka jarii waldaan irratti wal jaaree investera tahu tolchuuf hujiitti jiraa jedha.

Obboo Dinquun miliyeenera tahaa jedhee hin hojjannee “ Anis bara tokko hojjadhee nama tahaa jedhee yaadaa ture,” jedha.

Akka jecha obboo Dinquutti investerii jechuun nama ollaa hujii investimentii keessatti hojjatu gargaaru ykn ammoo “teknooloojii ummatii faaydaa guddaa keessaa argachuu dandahu naannootti fide.

”Investerii jechuun ummatii faaydaa irraa argatu..tanaaf investeroota biyya teenyaatiin dargaggo ufi jalatti ijaaraa guddisaa jedhaa,”jedha.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG