Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Afriikaa Kibbaa Sagalee Itti Amantaa Dhabuu Jalaa Dandammatan


Deggertoonni Prezidaant Zuumaa Sagaleen itti amantaa kufuu isaaf gammachuu isaanii ennaa ibsan
Deggertoonni Prezidaant Zuumaa Sagaleen itti amantaa kufuu isaaf gammachuu isaanii ennaa ibsan

Seera tumtoonni Afriikaa kibbaa hegeree prezidaant Jacobo Zumaa ilaalchisee yaadi isaan dhiyeessan sagaleen amantaa dhabiinsaa dhoksaan kennamu ka jalqabaa utuu hin ga’in dura falmii cimaa kaasisee ture.

Zumaan duraan sagalee kennuu akkasii yeroo torba geggeessaniiru, garuu dhoksaa dhaan hin turre. Sagalee kennuun miilanaa milkaa’e utuu ta’ee garuu kan yeroo dheeraaf malaamaltummaan himatamaa turan prezidaant Zuumaa fi kaabineen isaanii guutuun aangoo akka gad dhiisan gochuu mala ture.

Paartiin biyya bulchu sagalee kennuu kana akka inni itti ibsu, paartichaaf balaa kan qabuu fi mootummaa bara 1994 keessa adeemsa demokraatawaan hundaa dhabamsiisa kan jedhu.

Kan yaada kana paarlaamaaf dhiyeesse paartiin mormituu gamtaan dimokraasummaa akka jedhutti himannaan malaammaltummaa Zuma irratti dhiyaate waajjira ol aanaa Afriikaa kibbaaf nama ga’aa isaan hin taasisu.

Zuumaan Garuu sagalee itta amantaa dhabiinsaa jalaa dandammatanii jiran.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG