Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sudaan Kibbaa Bilisummaa dhaa Booda Maaltu Eeggata?


Xiinxalaa siyaasaa Dargaggoo Jawaar Mohammed Dirree Dimookiraasii irratti gaaffii fi deebii kenneen biyyi kun roorroo jalaa haa baatu malee biyyi kun fuul-dureen ishee maal akka fakkaatu hireen uummata kanaa maal akka tahu waan ifatti beekame hin jiru. Gam tokkoon bilisummaa kana jajjabeeffattee dimookiraasummaa dhugaa gad-dhaabbattee gara misoomaa fi dagaaginaatti deemuu dandeessi gama biraatiin immoo wal-danqaan Sudaan waliin qabdu gara waraanaatti jijjiiramee wal-dhibdeen gosootaa biyya ishee keessa jirus gara wal-waraansaatti babal'atee rakkoo hamaa bilisummaa ishee dukkaneessu keessa seenuu dandeessi jedha.

Yunaayitid Isteetsii fi Chaayinaa, Itiyoophiyaa fi Ertiraa dabalatee biyyoonni hedduun Sudaan Kibbaa keessaa waan dantaa qabaniif karaa adda addaatiin biyyattii keessatti dhiibbaa uumuu malan. Misoomni Sudaan Kibbaa ijaarsa gamoolee qofa otuu hin taane, guddina jireenyaa fi beekuma uummata ishee tahuu qaba jedha Jawaar Mohaammed.

Sudaan Kibbaa walabummaa labsatte malee biyya hin taane, biyya dimookirssummaa, nagaa fi tasgabii qabdu ka misoomaan dagaagde taasisuuf yoo xiqqaate waggoota digadama fudhata ka jedhu Jawaar Mohammed wal'aansoo cimaa bilchinaa fi abshaalummaa hoogganoota biyyattii barbaachisa jedha.

Gaaffii fi deebii Jawaar Mohaammad waliin geggeessame guutummaa isaa MP3 tuquun dhaggeeffadhaa

XS
SM
MD
LG