Sudaan Kibbaa keessatti sababa ho'a hamaa itti fufee jiruun kan ka’e barattoonni erga kukkufanii booda manneen barnootaa hunda torban lamaaf cuftee jirti.
Sudaan Kibbaa jijjiirama qilleensaa wajjiin wal qabatee baatii roobaa keessa lolaa mudatee dabalatee baatii Guraandhalaa kaasee hanga Bitooteessaatti immmoo ho’a hamaa mudateen manneen barnootaa yeroo cuuftu kun yeroo lammataati.
Itti aanaan ministeera barnootaa Maartiin Taako Mo'ii Kamisa darbe akka jedhanitti, ''guyyaa guyyaan magaalaa Jubaa keessatti giddu galeessaan barattoonni 12 kufaa turan''.
Manneen barnootaa Sudaan Kibbaa irra caalaan isaanii caasaa yeroof sibiilaan hojjetame kan qaban yoo ta’u humna eleektriikaa ho’a ittiin qabaneessan hin qaban.
Ministirri qilleensa naannoo Joozefiin Naapwoon Koosmoos Kamisa kaleessaa akka jedhanti, ho’ii qilleensaa hanga digrii seentigireedii 42 ykn digrii Faareenhaayitii 107.6tti ol ka’a jedhamee waan eegamuuf jiraattonni mana keessa turuu fi bishaan akka dhugan dhaamaniiru.
Naapwoon hojjettoonni mootummaa ho'an akka hin mudanneef "dabareen akka hojjatan" yaada dhiheessan.
Hojjettoonni waa’ee barnootaa gama isaanii mootummaan kalaandarii ykn dhahaata manneen barnootaa fooyyessuuf akka ilaalu dhaamaniiru, kunis manneen barnootaa baatii Guraandhala keessa akka cufaman akkasumas ji’a Ebla keessa yeroo ho’ii qilleensaa gadi bu’u akka deebi’anii banaman gaafatan.
Forum