Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sudaan Toora Biyyoota Shororkeessummaa Deggeran Keessaa Haqamte 


Khartoum Sudan
Khartoum Sudan

Bulchiinsi prezidaant Doonald Tramp Sudaaniin toora biyyoota shorkeessummaa keessummeessan keessaa haquu isaa embasiin Yunaayitid Isteetis kan Kaartuum keessaa har’a beeksisee jira. Tarkaanfiin kunis biyyattiin Afriikaa kun dinagdee ishee miidhame dandammachiisuu akkasumas moggaatti qoodamuun isee xumuraan ga’uuf gargaara.

Embasiin Yunaayitid Isteetis kan Kartuum keessaa fuula Feesbookii isaa irratti akka barreessetti Sudaan toora sana keessaa har’aa kaastee haqamuu ishee fi kunis ministrii dhimmi alaa Maayik Poompeyoon mallatteeffamee galmee federaalaa irra akka kaa’amu beeksisee jira.

Sudaan toora biyyoota shororkeessummaa keessummeessan keessatti kan galmoofte bara 1990moota keessa ennaa Sudaan yeroo gabaabaaf hoogganaa al-Qaayidaa Osama bin Laden fi hidhattoota barbaadaman kanneen biroo keessummeessaa turtetti.

Itti dabalees Sudaan hidhattoota Faalisxiin kanneen dugdee Gaazaa keessaaf meeshaa waraanaa dhiyeessuu dhaan Iraaniif daandii taate jedhamee amanama.

Sudaaniin toora biyyoota shorokeessummaa keessummeessan keessaa haquun hariiroo Israa’el waliin jiru cimusuuf mootummaa Kaartuum keessaaf dhimmi ijoo dha.

Biyyoonni lamaan hariiroo diplomaasummaa guutuu tolfachuuf walii galanii jiran. Kunis Sudaan biyyoota Arabaa waggaa kana Israa’el waliin hariiroo tolfatan isee sadaffaa ta’uu ishee ti. Sudaanitti aansuu dhaan Morokoonis Israa’el waliin hariiroo diplomaasummaa uummattee jirti.

XS
SM
MD
LG