Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mooraa Itti baqanne Keessatti Adamsamna!


Baqattoonni Mooraa Shagarab kan Sudan gama bahaa keessa jiraatan jireenyi keenya balaa keessa jira jedhu. Kan silaa dahata nuuf ta’u mooraa baqattootaa nuti keessa jiru nuyiif garuu iddoo sodaa fi bir’annaa ta’ee jechuun yaaddoo isaanii ibsaa jiran.

Gosoonni Rashaayidaa jedhaman mooraa nuti keessa jiraannu gaaffii tokko malee seenuu dhaan baqattoota kaan reebanii kaanis lafa irra harkisaa fudhatanii deemu, san booda achi buuteen isaanii dhabama. Kanneen qabaman keessaa hangi tokko gammoojjii Siinaa erga ga’anii booda bilbilanii sagalee isaanii nu dhageessianis booda irra garuu lafti isaan itti geessaman hin beekamu.

Erga baatii darbee qabee baqattoota kana ukkaamsanii butuun mooraa nuti keessa jiraannu Shagarab keessatti hammaatee nama itti iyyannus wal’aallee har’a bor nutis ukkaamana jechuun sodaa guddaa keessa jirra, hawaasi addunyaa illee sagalee keenya dhaga’ee nuuf haa birmatu jechuun waamicha dabarfatu baqattoonni mooraa Shagarab. Gaaffii fi deebii baqattoota kana waliin geggeessine armaan gaditti dhaggeeffadha.

Gaaffii di Deebii
please wait

No media source currently available

0:00 0:12:36 0:00
Xurree marsariitii
XS
SM
MD
LG