Xurree ittiin seenan

Breaking News

Taahiraa Mohaammad Shariif UKti brarumsa PhDti jirti,baaddiyaa Isiolo keessa dedeemtee waan COVID-19 warra loonii tolchuu danda'u qoratti


Vaayireesii Koronaatii fi jireenna warra loonii
Vaayireesii Koronaatii fi jireenna warra loonii

Vaayireesii Koronaatii fi jireenna warra loonii:Isiolloo Keenyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:24 0:00


Warra horiiqeencaaloon,re’ee fi gaalaa) bulu dhiba kana irraa dandamachuu dandaha?Odeeffannoo dhiba kanaayyuu akka dansaa quba qabaa,gargaarsaa warrii diraa argatu argachuutti jiraa jedhe namuu waluma gaafata.

Yoo ardiin dhibiin walbira qaban namii Afrikaa COVOD-19 kana irraa ammallee wayyaa qabdi.

Keenyaa godina Isiolo keessaa warrii olloota Korbeessaa,kinaa,lakkoolee,Biibbii koronaa quba qabaa?
Keenyaa godina Isiolo keessaa warrii olloota Korbeessaa,kinaa,lakkoolee,Biibbii koronaa quba qabaa?

Tahiraa Mohaammad Shariif nama ganna 30 ti.UK, yuniversitii Sussex keessatti barumsa PhD fixachuutti jirti.

Keenyaa baaddiyaa Isiolo olloota afur irra martee waan warrii baaddiyaa keessa jiru waan waan rakkoon vaayireessiin Koronaa namaa tolchuutti jirtu qoratti.

Ollootii afran isiin dhaxxee jireenna isaanii qorattu Naayroobii irraayyuu km dhibba hedduu fagaata; Korbeessa, Lakkoolee,Biibbi fi Kinaa.

Jireeniolloota kanaa jireennuma baaddiyaa Oromiyaa hedduu wal fakkaata.Rakkoon Taahiraa olloota afran keessatti agarte:

Ollaan kukkun vaayireesii koronaatif jedhanii lafa cuccufanii gabayaa dhaqachuu dadhabe.

Aanan durii makiinaatti fa’atee Naayrooiin dhaqatu geeffachuu hin dandahu.

Karaan makiinaan dansaan hin qaban

Manneen akimii irraa fagoo jiran

Odeeffannoo vaayireessii koronaa akka dansaa quba hin qaban

Harkadhiqachuu dhiisi bisaanii dhugaatiiyyuu galaanaa waraabbatan Manneen barnootaa cufamanii ijoolleen isaanii akka ijoollee diraa omputera qabaatanii akka ijoollee diraa hin baratan

Warrii Isiolo durii aanaan makiinatti fa'atee Naayroobii gurgurata. Ammaa Naayroobiin cufamnaan rakkate
Warrii Isiolo durii aanaan makiinatti fa'atee Naayroobii gurgurata. Ammaa Naayroobiin cufamnaan rakkate

Keenyaa keessaa nama 700 irrati VaayireessiKoronaa argan nama 40 lubuun dhabe 280 caalaatti fayye. Godina dhiba kana keessatti argan keessaa tokko Isiolo.

Ministerii Fayyaa Keenyaa akka gareen fayyaa Isiolo dhiba kanaan durattuu gargaartu nama achi ergeef.

Fulaan namaa dhibamuuf kurfeessuutti jiran keessaa tokko mana barumsa KMTC.

Keenya Isihollootti amma namuma tokko irratti vaayireesii kana argan.

Akka Taahiraan jettetti baaddiyaa isiin dhaxxe vaayireesii caala hajaja mootummaan baasee namaa walti yaahuu dhowwetti jireenna itti qaalesse.

Tanuma keessa akka Taahiraan jettetti namiiwalgargaaruutti jira.Waliif jirra jedhanii wal qarqaaran.

Mataa-dureen qorannoo isii ‘I exist because you exist’:The Moral Economy of Pastoralists in response to COVID-19 jedha.

Porofeeser Gufuu Obaa,Noorweeyitti barsiisaa yuniverstii Norwegian University of Life Science jedhaniiti.

Jireenna warra horii Afrikaa Bahaa,lafa isaanii fi rakkoo warra keessa jiru kitaaba afurii fi waraqata qorannoo hedduu barreessuun beekama.

Warrii baaddiyaa akkuma warra diraa keessattu bara hamaa akkanaa akkuma warra diraa manaaakimii mii,odeeffannoo vaayiressii koronaa fi waan hedduu qabaachuu malee jedha.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG