Xurree ittiin seenan

Breaking News

Taakkelee Goobanaa US keessatti koree bulchiinsa magaalaa Sea-Tac tahuuf dorgomee moo’e Oromoo akkana filaman hedduu arguu fedha jedha


Taakkelee Goobanaa godina Seattle koree bulchiinsa magaalaa Sea Tac tahee filatame
Taakkelee Goobanaa godina Seattle koree bulchiinsa magaalaa Sea Tac tahee filatame

Taakkelee Goobanaa dorgommii filannoo bulchiinsa magaalaa Sea Tec ji'a 6tti nama hedduu dubbise
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:29 0:00

Abbaan ijoollee sadii, aabba Taakklee Goobanaa DV argatee ganna 8n duratti Amerikaa dhufe.Nama ganna 30ti ganna sadiin duratti lammii Amerikaa tahe.

Digrii isaa ta duraallee Amerikaa godina Seattle yuniversitii Washington Seattle keesatti fixe.

Gaafa diida xuyyuura Sea Tac keessa hojjatu akka hojjataa saatiitti doolara 8 irraa doorala 15 baasaniif waldaa Teamsters fulaa bu’ee qabsaahaaf bahe jedha.

Diida xuyyuura sun keessaa nama kuma 40 caalaatti hojjata.Qabsuma isaa fi miilotii isaa tolchaniin mari’atanii seera itti baasanii horiin Seattle keesatti saatiitti namaa baasan doolara 15 tahe.

Taakkelee Goobanaa godina Seattle koree bulchiinsa magaalaa Sea Tac tahee filatame
Taakkelee Goobanaa godina Seattle koree bulchiinsa magaalaa Sea Tac tahee filatame

Achumaan oli guddachaa dhufe,Taakkeleen.Waan gugurdoo lamaaf koree bulchiinsa magaalaa keessatti dhuunfaatti dorgome;

Jiireenna ummata Sea Tac akka malee qaalahe wayyeessuu.

Akka namii hujii argatu carraaquu.Dureeyyiin Amerikaa gugurdoon akka Boeing,Micrsoft Starbukcs, Amazon fi hedduun Seattle jira.

Bulchiinsii magaalaa Sea Tac akka jecha Taakkalaatti rakkoo hiyyeessaa hin akka dansaa hin dubatuuf.

Namii asi jiraatu harka 60 oli nama biyya ormaati.Akka Taakkalaan jedhetti jarii kun mana marii bulchiinsa magaalaa keessaa bakka bu’aa hin qabu.

“Fedhii ummataa dursuuf hojjadha.”

Duula filannoo ji’a 6 itti qabsaahetti Taakklaan Taakkalaan Sea Tac keessaa manneen kuma 17 caala irra deemee akka ummatii bahee isa filatu kadhate.

“Nama 300 nu gargaaraa bahe.”

Sea Tac koree bulchiinsaa 7 qabdi amma barumca nama afurii irratti dorgoman.

Hujii koreen bulchiinsa magaalaa

  • Ummataan wal mari’atanii seera baasuu
  • Warra seera hujii irra oolchan tohachuu

Taakkeleen faatii ganna afuriif filaman.Namii yaada biyyaan bulchu qabannaan jabaatee bahee dorgomuu male ykn ammoo nama amansiifachuu male jedha

Dorgommii tana irratti doolara kuma 50 caaaa walti qabate.Ganna lamaan dhufaatti Taakkeleen akka baqataan Afrikaa, ijoolleen Oromoo biiroo mootummaa Amerikaa hedduu keessaa mullatan arguu fedha jedha.

Sea Tac lafa diqqayyoo akka henna bara 2017tti namii kuma 20 caalu keessa jriaatu.

Gadaa Oromoo ta keessatti guddate,barnoota baratee fi qalbii Waaqii kenneen walti daratee “warra na filatee seeraan bulchee agarsiisa jedhee waadaa galeef.”

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG