Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gaazexessaa Taammiraat Nagaraa Bakka Itti Hidhame hin Beeknu: Maatii


Gaazexessaa Taammiraat Nagaraa erga poolisii magaalaa Finfinneen qabamee hidhamee guyyootni 4 darbanis, bakka itti hidhame nutti himuuf poolisiin eyyemamaa hin taane jechuun haati warraa isaa Sagalee Ameerikaatti himan.

Aadde Salaam Balaay, akka jedhanitti, “Sababaa itti hidhame qorannoo booda isinitti himna jedhanii, Buufata Poolisii Sadaffaatti kan fudhatanii deemanis tahu, ergasii garuu bakka geessan qaamni nu beeksise hin jiru” jedhan.

Dhimma Hidhaa Gaazexessitootaarratti, kan gaafataman, Itti gaafatamaan Sab-Quunnamtii Poolisii Federaalaa, Obbo Jeeylaan Abdii, “Yakkaan shakkamee malee, gaazexessaan ogummaa isaan wal qabtee hidhame tokkoyyuu hiin jiru” jechuun deebii kennaniiru.

Naakoor Malkaa dabalata isaa ergeera.

Gaazexessaa Taammiraat Nagaraa Bakka Itti Hidhame hin Beeknu: Matii
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:08 0:00


XS
SM
MD
LG