Xurree ittiin seenan

Breaking News

Obbo Taayyee Danda’aa Eessatti Akka Hidhaman Barbaannee Dhabne: Maatii


Obbo Taayyee Dand'aa
Obbo Taayyee Dand'aa

Waajiira Haqaa Oromiyaa keessatti sadarkaa itti aanaa hogganaatti abba dursa hojii dhimmootii komunikeshinii kan ta’an Obbo Taayyee Danda’aa har’a to’annaa jala ooluu isaanii maatiin ibsanii jiru. Kamisa har’aa ganama kokolaataa lafa hojiitii ramadameen shofeerri eega dhufee fudhee booda karaatti dhaabsisanii Obbo Taayyee konkolaataa biratti dabarsanii fudhatanii deemuun ibsamee jira.

Sa’atilee hanga tokko booda harkii Obbo Taayyee Hidhamee gara manaatti fidamuu fi mi’i mana keessaa tokko ituu hin hafin gaggalagalchanii eega sakata’anii booda kompuutara Laap Toppii, kitaabootaa fi barrulee fudhatanii deemuun ibsamee jira.

Namoonni uffata sivilii fi kan polisii Federaalaa uuffatan kun Obbo Taayyee Danda’aa eessa akka geessan eega gaafatamanii booda iddoo akksii jedhanii lafa himan sana maatiin nyaataa fi uffannaa cisichaa fudhee deemus arguu akka hin dandeenye ibsan.

Kanaaf yeroo labsiin yeroo muddamaa hojii irra oolee jiru kanatti waa’een lubbuu Obbo Taayyee Danda’aa kan isaan yaaddeessu ta’uu maatiin ibsanii jiru.

please wait

No media source currently available

0:00 0:05:42 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG