Xurree ittiin seenan

Breaking News

Talaalii Faayzar Kan Amerikaan Itiyoophiyaaf Ergite Finfinnee Dhaqqabee Jira:Embaasii Amerikaa 


Talaalii dhukkuuba KOOVIID-19 ittisu gosa Faayzar jedhamu kan Yunaaytid Isteetes gama Koovaaksiin Itiyoophiyaaf ergite doziin 1,680,120 dhaqqabu isaa, Finfinnee kan jiru Embaasiin Amerikaa har’a ibsee jira.

Kaayyoon keenya tokkittiin lubbuu namaa oolchuu dha kan jedhu ibsii Embaasii kun talaaliin kun iddoo lamatti qodamee Amajjii 24 fi 26 dirree xayyaaraa Bolee dhaqqabe jedha.Kunis walii galaan uummanni Amerikaa Itiyoophiyaaf Adooleessa 17 bara 2021 kaasee talaalii arjooman kan farra KOOVIID-19 Miliyoona 6.1 geesisee jira.

Weerara KOOVIID-19 xumuura itti tolchuuf gaarii fi qubsaa kan ta’e meeshaan tokko talaalii dha jedhee, Amerikaan talaalii kana Biliyoona 1.1 bittee addunyaaf raabsuuf cicha akka qabdu ibsamee jira.Haga har’atti Amerikaan talaalii Miliyoona 300 fi Miliyoona 65 biyyoota 110f arjoomuun ishee ibasamee jira.

Gara fuula duraattis, gamtaa Afrikaa fi waaltaa to’annaa dhukkubootaa kan Afrikaa waliin qindoominaan, karaa KOOVAAKS talaalii kana ardiitti keessatti waliin ga’uuf hojjachuu barbaanna jedhee jira jedha ibsii Embaasii Amerikaa Finfinnee irraa ba’e kun.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG