Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tanaan Afreeffachoo! Gareen Kubbaa Miilaa Nadheen Amerikaa Addunyaa Mootee Biyya Ufii Badhaafatte


Soccer Football - Women's World Cup Final - United States v Netherlands
Soccer Football - Women's World Cup Final - United States v Netherlands

Gareen Kubbaa Miilaa Amerikaa Addunyaa Mootee Biyya Ufii Badhaafatte
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:53 0:00

Marroo 13 taphattee warra itti qajeelte cinaachuma lafaan gahaa bira dabarte. Waancaa Kubbaa Miilaa Addunyaa Baranaa Ameriaktti mootummaan galate.

Miila goolii galche ka Megan Rapinoe kophee warqiitti maleef jedhanii badhaasan.

Soccer Football - Women's World Cup Final - United States v Netherlands
Soccer Football - Women's World Cup Final - United States v Netherlands

Megan Rapinoe(mirga) nama ganna 34 lakkoofsa 15 keeyyattee taphatti haga ammaa goolii 50 galfatte.

Gareen Kubbaa Miilaa Nadheen Amerikaa,USMNT tapha tokko keessatti biyya diqqayyoo tokko,Taaylaandi gooli 13 itti harte.

US 2015 fi 2019 Waancaa Kubbaa Miila Addunyaa moote. Jermeniin ammoo bara 2003 fi bara 2007 moote.Jara kana lamaan malee haga bara 1991 asitti biyyitii walti aansitee dorgommii tana moote hin jirtu.

Akka ESPN gabaasetti garee akka USMNT tapha kubbaa miilaa keessatti gooli 26 galchite hin jirtu.

Soccer Football - Women's World Cup Final - United States v Netherlands
Soccer Football - Women's World Cup Final - United States v Netherlands

Megan Rapinoe fi Alex Morgan warra goolii galchuun beekan. Morgan goolii sha galfatte tun itti aantuu manaajera kubbaa miilaa garee Amerikaati.

Tobin Heath fi Rose Lavelle warra tapha mimmidhaasee taphatu. Sam Wemis fi Lindsey Horan warra kubbaa qajeelee namatti Kenny.

Crystal Dunn ariitiin beekan. Julie Eretz,Abby Dahlkemper, Becky Sauerbrunn fi Alyssa Naeher warra garee tanaa utubaa jabaa tahee taphatu.

Alex Morgan tapha baranaa irratti goolii afur galfatte.Amerikaan warra walti qajeelteen cufa ufuma dura oofaa asiin geette. Awurooppaa keessaa afur qaqaarifte.

Marroo 13 taphattee cufaa irrumaa galchite. Taaylaani Taayilaandi walti gadi dhiisanii 13-0 lafa keette.Chileetti dabarte 3n biraa galte, Siwiidinii fi Spainin baatee 2-1 irraa kaafte.

Faransaayii fi Ingilaandilleen akkasuma tolchite.Nezeralaandii Awurooppaa mootee mataa baafattee New Zilaandi, Kaameruun, Kanaadaa, Jappaan, Xaliyaana fi Siwiidn fa mootee mataa baafatteen baate.Lama itti guurtee duwwaa galchite.

Amerikaa tana waliin marroo lama waltuma aansitee moote.“Nutti waancaa kubbaa miilaa addunyaa moo’e.Nadheen jajjabdu, mimmidhaadduu.Tapha dansaa.”

Nezerlaandi biyya diqqaayyoo taatullee goggossitee Amerikaa ufi irraa dhoorte. Isumaa tapha boqonnaa duratti chochodhuu dhoorteeyyuu.

"Biyyitii diqqayyoona kubbaa miilaa jaalattu tun akka dansaa waancaatti dhiyaatteeyyuu.Waancaa Awurooppaatti moohuuf abdii qamna.Akka dansaa deemuutti jirra.”

Goolii Amerikaa ta qaraa Megan Rapinoe adabbii argatee daqiiqaa 61essoo irratti adabbii argatee galcheef lammeessoo ammoo Rose Lavelle daqiiqaa 8 jalaa haftetti itti cuqqaalatteef.

“Hobbaate qoxxeen. Akka gammaduu hin beeku,” jette Megan Rapinoe dorgommii tana keessatti goolii 4 galfatte akkana jettee gammadde.”

Boqonnaan duratti Amerikaan buffitee kubbaayyuu chochoosuu dadhabde fakkaati. Foorfatanii itti deebi’anii gorsa manaajeraallee argattanii hafuura fudhatanii itti deebi’an.

Manaajerii kubbaa miilaa Amerikaa,Jill Ellis nama gareen isii marroo lama walumatti aansitee waancaa kubbaa miilaa moo’e.

Pirezidaanti Tiraampi,jaartii isaa, pirezidaanti Obaamaa fi nama hedduutti garee kubbaa miilaa Amerikaa tana galateeffatee jajjabeesse.

Federeshiiniin kubbaa miilaa Amerikaa garee kubbaa miilaa dhiiraatii fi nadheeniitii horii walqixxee hin kennu.

Haga doolara kuma 30 wal hanqatti.Akka horii walqixxee kennaniif muddanii gaafachuufiitti jiran.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG