Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tarkaanfiin Karaa Nagaa Amma Jiruu Isaa Dhumaa Akka Ta’e Abiyyi Ahimad Himan


Muumeen Ministeeraa Mootummaa Itiyoophiyaa Abiyyii Ahimad
Muumeen Ministeeraa Mootummaa Itiyoophiyaa Abiyyii Ahimad

Muumeen Ministeeraa Mootummaa Itiyoophiyaa Abiyyi Ahimad mootummaan isaanii yaada umataa Tigraayif qabuufi fi bakka hawaasaa adduunyaaf qabu yeroo dhumaatiif agarsiisuu isaa ibsanii, qotee bultootaa nannoo tigraay gargaaruu fi haalaa gargaarsaa mijeesuudhaaf murti dhukaasaa dhaabuu gam-tokkee godhanus tarkaanfiin mootummaan fudhate gareewan birootiin waan fudhatama hin arganneef haalii amma jiru tarkaanfii karaa nagaa isaa dhumaa akka ta’e beekisisaniiru.

Muumichii ministeera karaa midiyaa haawaasummaatiin yaada barreesaniin tarkaanfiin mootumaan sabaaf jechuudhaaf fudhate bu’aa hin buufne. Addii Bilisabaasaa Saba Tigraay ijoollee umurii xixiqqoo waraanaatii galchaa akka jiru kan ibsan Abiyyi Ahimad, raayyaan ittisa biyyaa Itiyoophiyaa ijollewwan kana baraarudhaaf derqamaa Haamilee akka qabu himaniiru.

Itti dabaluudhaanis hawaasin adduunyaa waa’ee gargaarsaa fi beelaaa dubbachaa turee Addi bilisabaasaa saba Tigraay yemuu ijoollewan XiXiqqoo waraana irrati hirmaachisu ,yemuu karaa gargaarsii itii dhihaatu bakeewan walti bu’iinsaa godhuu callisee ilaalaa jirachuu isaa ibsaniiru.

Diinonnii biyya keessa fi alaa qindaa’uudhaan lolaa biyya irratii banuu isaanii kan himan muumeen ministeeraa, lola nurratii banamee of irraa hin itisna jedhaniiru.

Akkasumas dubii himaan waraana Itiyoophiyaa Koloneel Geetnat Adaanee gaazeexaa Addis zaman irratii ibsa kennaniin rayyaan ittisa biyyaa ajajinii barbaachisaan yemuu isa qaqqabu tarkaanifii barbaachisaa ta’e fudhachuudhaaf qophaawaa ta’uu isaa ibsaniiru.

Karaa biraatiin amma ammaati haalaa diina of irraa ittisuu irra akka turee kan ibsee mootummaan naannoo Amaaraa amma garaa haala haleellaatii tarkaanfachuu jalqabuu isaa daarekterrii dhimmoota sab quunamitii naannoo Bulchiinsa Amaaraa Gizaacheewu Mulunee dubachuu isaanii Gabaasaan Raadyoo Sagalee Amerikaa Kenedii Abatee gabaasaa qopheesse keessatii caqaseera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG