Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tarkaanfiin marsaa qaraa TPLF irratti fudhatan milkiin dhumaate:MM Abiy Ahmed


This frame grab from a video obtained from the Ethiopian Public Broadcaster on Nov. 4, 2020, shows Prime Minister Abiy Ahmed saying he was ordering a military response to an attack by the ruling party of Tigray on a federal camp.
This frame grab from a video obtained from the Ethiopian Public Broadcaster on Nov. 4, 2020, shows Prime Minister Abiy Ahmed saying he was ordering a military response to an attack by the ruling party of Tigray on a federal camp.

Akka muummeen minsitera Itoophiyaa TV biyyaa irratti jedhetti lola kanaan jarii kun asii achi loluu akka dandeenne tolchanii humna laaffisan.

Haataatu malee haga gareen TPLF/Adda Bilisummaa Ummata Tigraay akkuma jirutti seeratti dhiyaatti tarkaanfiin tana hin dhaabattu.Waraanii Itoophiyaa karoora mirkanaatiif bahe.

Ummatii Tigraay kabajamaan warra wanjalaa jalaa miliqeen hudhamuu hin qabu warra wanajala akkanaatif Itophiyaan dahoo hin taatu jedha.

Itti aanaan pirezidaantii naannoo Tigraay, Dr Debretsiyoon G/Mikaahel yoo kale TV irratti dubbatetti waraana kaabaa hark isaanii jiraa mi’a waraanaallee ufiin eegatan lola kanallee hin moohannaa jedhe.

Itti gaafatamaan guddaan Tokkummaa Mootummootaa lolii naannoo Tigraay keessaa itit jiran nama rifachisaati jedhe.

Gama kaaniin abbaan taayiytaa sivil aveshiinii Itoophiyaa geejjiba gama kaabaa,naannoo Tigraay dhaqu ammatti yaayyuu dhaaban.Diidii xuyyuura Meqelee, Shiree Aksumii fi Humeraa cufaa.

Ummata naannoo Kibbaa

Jiraattotii Hawaasaa bulchoota naannoo isaaniitii fi federalaa waliin rakkoo biyya irratti mari’atan.

Marii tanaan waraanaa Tigraay buufata waraana federaalaa naanno Tigraay jiru loluu barbaachisaa miti tanaa jidduutti ammo ummatii Tigraay miidhamuu hin qabuu jedha.

TPLF balleessaa ganna 27f gaafatamuu qabdi jedhan jedhe korii kun. Naannoo Sidaamaatti akka bulchiinsii jedhetti nagaa naannoof jedhanii waraqata eennummaa kennuu ammaaf yaayyuu dhaaban.

Lolii mootummaa Kaabaati itti seene akka bulchootii biiroo federaalaatii dhufan kora sun irratti jedhanitti ummata Tigraay waliiniin wal hadhuufii miti,TPLF seera cabsan waliin jedhu. Rakkoo tana dhaabuuf jarii kora dhufe kun mootummaa waliin dhaabachuuf walii gale jedha gabaasii naannoo kibbaatii arganne.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG