Xurree ittiin seenan

Namii Oromoo kumii hedduun wal dhaba naannoo Soomaletiin baqate fulaa hedduu qubate ammaan tana maan keessa jiraa, gargaarsa argachuutti jiraa?

  • Soraa Halakee

Oromiyaa,, Itoophiyaa

Wal dhabii kun akka bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa jedhutti nama kuma dhibba hedduu baqachiise.

Godina Oromiyaan naannoo Soomalee waliin qabdu shananuu Boorana, Gujii, Baalee, Harargee Bahaatii fi Dhiyaatii nama kuma hedduutti wal dhaba kanaan lola duraa gore.

Biyya alaatii fi biyya keessallee jara kanaa horii miliyoona hedduu walti guuruutti jiran.Namuu garuma jiruun baqachuutti jira. Teessoo mootummaa Soomalee,Jijjigaa keessaayyuu nama kuma hedduutti baqatee hagii guddaan Harargee qubate.

Koollejjii Rifti Vaalii Finfinnee,ollaa Gootaraa kampaasa Pepsiitti nama kuma tokko caalutti itti baqate.Jarii ammoo qubaayyuu nu hin qabanii taatullee abbootii qabeenna Oromootti nu gargaaruutti jiraa jedha.

Dr.Abarraa Dheeressaa,qindeessaa koree gargaarsa biyya keessaa fi biyya alaallee walti qabuuti. Nama Finfinneetti baqate kana namii hedduun quba hin qabu taatullee amma hardhaa jalqabanii gargaaruutti jiranii amma mootummaalleen quba qabaa jedha.

Jarii kun ammoo ji’aa duratti koollejjii Rifti Vaalii tanatti qubatee abbuma koollejjii sunii,Obboo Dinquutti dhiyoollee waahela itti argatee gargaaraa bahe.

Warra Harargee Bahaatii fi Hargaree Dhiyaatti baqatellee torbaan lama keessatti koreen tun jara kana eessatti akka qubachiiftu waan tokko irra geetti jedha Dr.Abarraan.

Nama godina dhibii keessatti wal dhaba kanaan baqate akka Dr.Abarraan jedhutti godinaa fi aanaan akka nama naannoo isaaniitii baqate gargaaru koree tanaa fi mootummaalleen itti dhaame.

Maqaa qarqaarsa "lammiin lammiif" jedhuun biyya alaatii fi biyya keessallee Oromoo baqatte tana qarqaarumatti jiran.

Nama kuma hedduu ka baqate kana haga guddaan ka gargaaruu fi qubsiisu, koomishiina ittisa balaa fi qophaahinaa,mootummaa naannoo Oromiyaa damee Ittisa Balaa,damee Fayyaa,damee Qonnaa fi hedduu.

Biirolee fi dhaabbileen tun akka jecha Dr.Abarraatti torbaan lama keessatti waan irra gahan,fulaa baqataa kana qubachiisuu malan koree rakkoo Oromoo baqatte tana faluuf dhaabatetti himaanii achii ammoo fulaa jara kana itti qubsiisan falan.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG