Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tigraay ganna 45essoo TPLF qabsoo itti jalqabde Maqaleti ulfeffatte "mootummaan fedralaa biyya nagaa dhowwee nama itti haqatu barbaada"


TPLF 45 Anniversary
TPLF 45 Anniversary

Itti aanaan pirezidaantiin Tigray Dr Gebretsiyon G/Mikaahel qophii Maqaleetti ulfessan irratti mootummaan federalaa waan hedduun himate.

Ummatii Tirgaay akka jecha Dr Debretsiyoonitti qarooma Itoophiyaaf waan hedudu gumaache,nyaapha biyya alaa irraa dhowwe, mootummaa Dargii ummataan Itoophiyaa waliin tahee gara galchuuf waan jabduu hojajte.

“Tana dhiisanii akka waan Tigraayii fi ummatii isii rakkoo cufaa abbaa taheetti dubbatan,” jedhe.

Qabsoo ummata Tigraayiitiin akka jecha Dr Debretsiyoonitti Itoophiyaa nagaa tolche,hiyyuma baase,nagaa buusee Afrikaa fakkeenna taatee biyya ufiifuu baqataa simattu taate.

Taatullee dhiyoo tana ammoo akka priezdiaantiin Tigaraay jedhetti lafii nagaa dhabee,seerii bade ummatilleen dallanee bulchiinsii dansaalleen dhabe.

“Waan badeef ummata dhiifama gaafannee hujiitit jirraa jedhe itti aanaan pirezidaantii naannoo Tigraay.”

Akka jecha isaatti mootummaan ummata walti naqee hangoo dheereffachuuf hojjachuutti jira.Mootummaa biyya alaatiin wal qarqaaree Tigraay nagaa dhowwuu fedha jedhe.

“Ummatii Tigraay faayidaa biyyaaf baheefuu silaa galataa fi badhaasa argachuu maleeyyuu.” Akka jecha Dr Debretsiyoonitti mootummaan federaalaa ufii biyya nagaa dhowwee abbaa itti haqatu barbaada.

Mootummaan akka Dr Debretsiyoonitti Itoophiyaa fulaa hedduutit waraanaan biyyatti duulee rakkoo fidee nama dhibiitti quba.

Ummata Tigraayi fi Eertiraa ammoo akka jecha isaati ummata nagaaf wal barbaadu.Ganna 45essoo TPLF kana qophii hedduun ulfeessuutti jiran

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG