Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tigraay Kan Ilaaleen Kanneen Biyya Alaa Oduu Sobaa Maxxansan Seeraan Gaafatamu


Dhaabbattonni oduu kan biyya alaa kanneen wal waransii keessatti gaggeeffamee Tigraay kan ilaaleen oduu sobaa maxxansan seeraan kan gaafataman ta’u qaamnii Midiyaa to’atuu kan Itiyoophiyaa akeekkachiisee jira.

Abbaan taayitaa midiyaa Itiyoophiyaa gabaasaalee oduu ilaalee akka xiinxaleetti midiyaan biyya alaa hangii tokko, Adda Bilisummaa Uummata Tigraay (TPLF) akka waan waraana biyyooleessaa ta’eetti humnootii Ittisaa kan Tigraay (TDF) jechuun waamuu jechuun Jimaata dabree ibsa baarreefamaan qophaa’ee kan chaappaa waajiirichaa qabu RSAf erge.

Akeekkachiis dursaa kun midiyaa biyya alaa yoo xiqaate lamaaf ergamee jira.

Barreefamnii RSAf ergame kun hogganaa dhaabbatichaa Yonaataan Tasfaayee Raggaasaan kan mallatteeffamee yoo ta’u, kunis ehamnii hojii Addis Staandaard eega ugguramee guyyaa tokko booda dhaqqabe.

Yaadawwan Ilaali (1)

XS
SM
MD
LG