Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tigraay keessatti akka dhaabii Telekoom Itoophiyaa jedhetti lafa haga tokkotti tajaajila bilbilaa deebi’ee hujiittiin jiran


kuusaa suuraalee keessaa
kuusaa suuraalee keessaa

Waan hammaate qaqqajeelchaa humna telcom jabeessani tajaajila kennuutti jiran akka akka bulchiinsii telekoom Itoophiyaa jedhetti.

Naannoo waraanii Itoophiyaa miilota TPLF keessaa baasee bulchuutti jiru Daanshaa,Terkaan,Humeraa,Shiraaroo,MaytsibiMaaykaadiraa haga tokkoo fi Allaamaaxaa akkuma jirutit jedhan.Tajaajila Telekoom Meqelee jirullee miidhamuu fi dhibaachu isaa qorachuutti jiran jedhan.

Gama kaaniin ammoo akka Tokkummaan Mootummootaa jedhetti akka ummata naannoo Tigraay jiru gargaaruu dandahan irrti Itoophiyaan yaayyuu walii galan.

Akka gabaaa kanaatti lola suniin nama kuma hedduutti lubbuu dhabee kuma kurnya hedduutti baqatellee.

Warrii gargaarsa argatu lafa waraanii mootummaa tohatuuti.Akka kanaan qorsa nyaataa fi dhugaatii geessaniif. Tigraay nama miliyoona 6 keessa qubata jedhan keessaa lola jalqaba Sadaasaa jalaqabeen nama kuma 600 caalutti gargaarsa eegata.

Tokkummaan Mootummootaa eegii hojjattoofa gargaarsaatiin naannoo sunii baasanii asitti akka ummatii gargaasa argatu gaafachaa ture jedha. Tokkummaan Mootummoota akak namii naannoo sun keessa jiru cuftii gargaarsa argatu hojjachuutit jira.

Walqaayitii fi Raayyaa

Gama kaaniin akka bulchiinsii mootummaa naannoo Amaaraa jedhetti miilotii TPLF Lafa lafa bulchaa bahan Raayyaa fi Walqaayiti keessaa nama nama kuma kurnya hedduu fudhatani yaa’aniin eessa akka geessanii wnnii mirkanaa hin jirtu.

Warra Maaykaadiraatti nama nagaa fixee Kaambii baqaa Suudanitit yaa’llee seeraan gaafachuufillee wa qoqopheeffachuuti jiraa jedha bulchiinsii nananooo Amaaraa.

Koomishiinii mirga namaa Itoophiyaa nama kuma hedduu dhabame edhan qorachuutti jirraa jedha.Lakkoofii nama Maaykaadiaatti fixan jedhaniilleen haga duraan jedhan caaluu dandaha jedhan.

Amerikaan torbaan lamaan duubatti qorsaaf hojjatame haaraan namaan wallaanuu jalqabdi

Warrii qaraa qorsa kana argatu hojjattoota fayyaa warra mana jaarrolee ykn mana nama dhibame walti galchan(nursing home) keessa jiraatu,warra humna laafaati.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG