Xurree ittiin seenan

Breaking News

Atileeti Tikkii Galaanaa Kophee Warqii Badhaafamte


Atileetotii Itoophiyaa akka leenjisaa Toleeraa Dinqaa Finfinnee nutti himetti dorgommii Boston,Geramniii fi Mooskoo Raashiyaalleetti moohatan.

Jarii kun dorgommii M1500, M3000 fi KM sadii caaltu ta mana keessa moohate.Warra moohate keessaa Meseret Deffaar,Jermenitti ,Bostonii ammoo Xirunesh Dibaabaatii fi atileeti Hagositti moohate.

Gama kaaniin ammoo atileeti Tikkii Galaanaa,ta Olompiki London irratti warqii guurratte taan taan hujii gaafasiitiif jedhanii atileetotii beekamtuu baranaa,Athlete of the year for 2012, jedhanii kophee warqii badhaasan.Waldaan atileetotaa fi fiigichaa karaa(AIMS/)jedhanitti Tikkii badhaase.

Tikkii badhaasa kana Jappaanitti kennaniif.Itoophiyaatti dubartiin haga ammaa kophee warqii badhaafamtee hin beettuu.Dhiiraa keessaa atileeti Gezzahaanyi Aberraatii fi Hailee Gabree Sillaaseetti argatee.Gezzaahanyi dorgommii bara 2000 Hayileen ammoo dorgommii bara 2006,2007 fi bara 2008tii badhaafame. Tikkiin nama ganna 25ti maratoonii moohachuun beekamti.

Atileeotii Ioophiyaa tana malee dorgommii,Asallaa fi Meqeleetti qophaahuutti jiran.
Amma ammoo dorgommii kubbaa miilaa waancaa Afrikaatti deebina.Dorgommiin waancaa Afrikaa 29essoon tun dhumumatti jirti.Naayjeeriyaa,Gaanaa,Maalii fi Burkiinaa Faasootti walti qophaahuutti jiraa, Ayivoorii Koostiin waan hedduuf eegan taan baranallee hin taane,waancaa Afrikaa moohachuuf hin dabarre.

Dorgommi Amerikaatti beekamtu, Super Ball,ta baranaa ammoo daawwattanii?Me woma taateefuu qophi ispoortii tana nuu caqasaa.

Mee tana ammoo caqasaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:45 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG