Xurree ittiin seenan

Breaking News

Traamp Ministeera Haajaa Alaa Hojii Irraa Ari’an


Prezidaantiin Amerikaa Donaald Traamp ministrii dantaa alaa isaanii Reeks Tilarson aangoo irraa ari’anii Daayreekeera tika nagaa biyyooleessaa ynk CIA Maayk Pompeo bakka buusan.

Traamp har’a ganama tuuta oduuf akka ibsanti Tilarson waliin yeroo dheeraaf duddubataa kan turree ta’uus akkaataa itti waan tokko ilaaluu fi itti yaadnu gonkumaa adda adda jedhan.

Adda addummaa qaban fakkeenyaan kan ibsan Traamp walii galtee Nukleeraa Iraan waliin tolfame maqaa dhahan. Walii galtee Nukleera Iraan anaaf rakkisaa natti fakkaata jedhanii Tilarson immo gaariidha jedhee waan yaadu natti fakkaata.

Kanaaf waan tokko gochuu qabna ykn dhiisuu qabna jedheen itti himaan ture jedhan.Inni moo kan koo irra ilaalcha xiqqoo adda ta’e qaba.Knaaf akki itti yaadnu tokko miti jedhan.

Bara bulchiinsa prezidaant Obaamaa yunaaytid Isteetes biyyoota addunyaa irratti human guddaa qaban waliin Tehraan sagantaa Nukleeraa qabdu akka daangeessituuf kana gonaan uggurri addunyaan irra kaa’e laaffisuuf walii galuun isaanii ni yaadatama.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG