Humnoonni TPLF Kibba walloo seenanii naannolee keessa turan keessaa namoota nataa 548 ajjeesanii dubartoota 217 ijoollee dhaa qabee hanga dubartoota maanguddotaatti humnaan gudeedaniiru jedhan.
Waaltaalee irratti raawwatan kan jedhan saamichaa fi qabeenyaa manca’eenis miidhaan qarshii biliyoona 47.6 olitti tilmaamamu dhaqqabuu isaa kan ibsan obbo Abdu Huseen, mootummaa, dhaabolii kan mootummaa hin ta’inii fi dhalattoota naannoo sanaa kanneen biyyootii alaa jiraataniif ergaa dabarsaniin hojii deebisanii ijaaruu keessatti ga’ee gama isaanii akka ba’an gaafataniiru.
Bulchaan godinichaa akka jedhanitti kun qorannoo duraanii waan ta’eef, odeeffannoo bal’ina qabu dhiyeessuuf aadaan ragaa wal jijjiiruu waan hin jiraanneef akkasumas dubartoonni dhiibbaa aadaa jiruun ba’anii dubbachuu waan sodaataniif lakkoobsi namoota du’aniis ta’e humnaan gudeedamanii dabaluu mala jedhan.
Magaalaalee fi keellaalee adda addaa keessattis awwaalchi jamaa argamuu isaanii tuqaniiru.
TPLF dhiittaa mirga namaa ilaalchisee himannaa fi qeeqa irratti dhiyaatu irra deddeebi’uun kan haale yoo ta’u, dubbi himaan isaa Geetaachoo Reddaa waraanni isaanii gocha akkasii hin raawwatu jechuun falmuun isaanii ni yaadatama jedhan.
Kana dura dhaabolii sadarkaa addunyaa fi biyyoolessaan gabaasaaleen qorannoo ba’an akka mul’isanitti, TPLF naannoo to’atee ture naannolee Amaaraa fi Affaar keessaa dhiittaa mirga namaa raawwachuu fi qabeenyaa mancaasuu isaanii tuqanii jiran.
Amnestii Internaashinaal kanneen fafakkaatan gama isaanii walakkeessa baatii Hagayyaa irra loltoota TPLFn garee dhaan haleellaan humnaan gudeeddii kan irratti raawwate jiraattota Gonder Kibbaa naannoo Nefaas Mewucaa waliin haala iccitii isaa eeggateen viidiyoo dhaan gaaffii fi deebii geggeessuu isaa beeksisee ture.
Hoogganoonni naannoo immoo dubartoonni 71 humnaan gudeedamuu isaanii gabaasuun illee ni yaadatama. Rooyiters gma isaan Tigraay keessatti baatilee saddeetiif wal waraansa geggeessameen raawwatame kan jedhe humnaan gudeeddii, ajjeechaa fi manca’uu waaltaalee dabalatee galmeessuu isaa yaadachiisuu dhaan kan gabaase torban sadii dura ture.
Komiishinni mirga namaa Itiyoophiyaa sadaasa 4 bara 2014 gabaasa baaseen naannolee Walloo kibbaa fi kaabaa keessaa Waxabajjii 21- Hagayya 22 bara 2013tti sababaa wal waraansa sanaan namoonni 184 du’uu mirkaneeffadheera jedheera.