Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Traamp Marii Talibaan Waliin Geggeessamuuf Ture Hambisan


Prezidaant Doonaald Traamp marii hoogganoota Talibaan waliin geggeessamuuf ture akka tasaa hambisuun shorokeessummaatti duluuf waraana biyyi isaanii waggoota 18f Afgaanistaan keessatti geggeessite xumuraan ga’uuf waadaa seenaniif shakkii haaraa uumee jira.

Traamp marii Talibaanii fi prezidaantii Afgaanistan Ashraaf Gaanii waliin waliin bakka bashannana prezidaantummaa “Camp David” geggeessamuuf ture hambisuun kan dhaga’ame erga Taliban torban darbe Kabul keessatti haleellaa raawwateen loltoota Yunaayitid Isteetis dabalatee namoota 12 galaafatee booda.

Kan ofii isaanii waa bakkaan akka ga’an of beeksisan Traamp loltoota Ameerikaa kanneen Afgaanistaan keessa jiran kuma 14 keessaa kuma 5 gamasii baasuuf dhaadatanii jiran.

Talibaaniin Camp David-tti afeeruun isaanii Repaablikaanotaa fi Demokraatota biraa qeeqa dhaqqabsiisee jira.

Caasaaleen oduu Yunaayitid Isteetis akka gabaasanitti itti aanaa prezidaantiin Maayik Peensii fi gorsaan naga eegumsa biyyoolessaa Traamp John Bolton White House keessatti akka dubbatanitti mariin sun geggeessamuu mormaniiru.

Ministriin dhimma alaa Mike Pompeoo immoo dhaabboata oduu Fox jedhuuf akka himanitti Traamp Talibaan waliin kallattiin wal arguu kan fedhan ta’uu isaanii fi bulchiinsi isaaniis Camp Daviditti wal arguun sirrii akka ta’e murteesseera jechuun kaleessa dubbatanii turan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG