Prezidaant Doonaald Traamp yaadi uummataa haaraa ba’e deggersi uummataa isaan qaban nyaatamaa deemuu mul’isus deggersa siyaasaa kan Republikaanotaa qaban isa kana duraa caalaa cimaa kan adeeme ta’uu har’a beeksisan.
Tramp kana kan beeksisan bakka bashannanaa Bedminister new Jersey irraa yoo ta’u yaadi dhiyaate sun yaada uummataa kijibaan ba’e jedhan.
Duulli filannoo siyaasaa isaan kutaalee hedduutti geggeessan kan mul’isu cimina jiru kan mul’isu deggetoota Traamp daran kan walitti dhiyeessu yoo ta’u kan hin jijjiiramne ta’uu dubbatan.
Yaadi uummataa dhiyeenya walitti qabame akka mul’isutti baatilee ja’an kan prezidaantummaa isaanii keessatti lammiiwwan Ameerikaa sadii keessaa harka tokko qofaatu hojii isaan hojjetaniif mukanuu kene. Uummata isaan filate gidduutti deggersi isaan qaban illee gad adeemaa adeeme.
Traamp garuu gabaan biyyattii cimaa, nageenyi daangaa cimuu, dalagaan uumamuu dabalatee waa hedduutti milkaa’uu isaanii faarsan.
Gargaartonni Traamp mormituu isaanii damokraatittii Hillary Clintoniin akka isaan injifatan gargaaruuf angawoota Raashiyaa waliin wal arguu isaanii ilaalchisee qorannaan geggeessamu itti fufee jira.