Xurree ittiin seenan

Breaking News

‘Seenaa fi Aadaa “Fakkiidhaan”; Dargaggoonni Gama Kanirratti Bobba’an Maal jedhu?’


Dargaggoota seenaa fi aadaa fakkiidhaan galmeessan keessaa tokko
Dargaggoota seenaa fi aadaa fakkiidhaan galmeessan keessaa tokko

Dargaggoonni Oromoo hojii ogummaa fakkii kaasuu fi bobboca tolchuu qaban; gama kanaan hojii hojjetaa jiraannus deeggarsi fi hubannaan dhabuun nu danqaa jira jedhu. Seenaa fi Aadaa Oromoo irratti xiyyeeffachuun ka hojjetan ta’uus dargaggoonni kunneen ni dubbatu.

Dargaggoo Anduwaalem Geetachoo fi dargaggoo Berhaanuu Guutaa; ogeeyyii fakkii harkaan kaasaniidha. Anduwaalem fi Berhaanuun kanattis dabalata bobboca faayaa adda addaa akka qopheessanis ni dubbatu.

‘Seenaa fi Aadaa “Fakkiidhaan”; Dargaggoonni Gama Kanirratti Bobba’an Maal jedhu?’
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:50 0:00

Finfinnee ka jiraatu Anduwaalem hojii barsiisummaatiini kan eebbifame. Amma sektera faayinaansiirra ka hojjetu Anduwaalem guyyaa guyyaa hojii idleesaa halkan halkan ammoo hojii jaallatu hojii fakkii kaasuu fi bobboca qopheessuu hojjeta.

Hojii isaan, seeenaa, aadaa fi duudha Oromoo irratti akka xiyyeeffatu himee, fakkiiwwan isaas karaa saba himaalee hawaasaan maammiltoota isaaf dhiyeessuus ifoomse.

Anduwaalem Hojiin bobbocaa fi fakkii kaasuu, seenaa biyyaa galmeessuu, labata dhufuuf dabarsuuf mala gaariidha, jedhee, dargaggoonni keessumaa amma hojii kanarratti bobba’anii jiran gumii ijaarratanii akka jiran dubbate.

Dargaggoo Berhaanuu Guutaas akkuma Anduwaalem hojiin isaa waa’ee seenaa fi aadaarratti akka xiyyeffatu hima.

Hojii konkolaataa suphuun ka jiraatu Berhaanuun akkuma Anduwaalem guyyaa guyyaa gaarajii warshaa keessa hojjetaa yeroo irraa hafaa qabu keessatti ammoo bobboca qopheessaa, fakkiis ni kaasa. Kanaan duras finfinnetti kan argamu galma aadaa Oromootti hojiiwwan isaa dhiyeessuu dubbata.

Yeroo dhiyeesse kaanttis namootni hedduun yaada agarii akka kennaniifii hamileesaa jabeessaniifi kan dubbate.

Dargagootni Aartii kana keessa jiran lameen sabni gosa aartii kana sirriitti hubachuu dhabuun rakkoodha jedhu. Anduwaalem yoo yaada kennu, ‘nama hedduuf aartiin sirba; kun hubannoo qajeelaa miti fooyya’uu qaba’ jedhe. Berhaanuu Guutaas yaaduma wal fakkaatu kaase. Dabalatammoo qaama dhunfaa fi mootummaarraa deeggarsi waan hin jirreef artiistonni fakkii fi bobboca tolchuurratti bobba’an milkaayinaan of gahuun isaanitti rakkoodha jedhu.

Dargaggoo Berhaanuu Guutaa, namootni fakkii fi bobboca adda addaa qopheessan biyya keessatti qofaa odoo hin taane alattis hojii isaanii akka dhiyeeffataniif haalli barbaachisaan mijaawuufii akka qabus gaafateera.

Artiisti Girmaa Bultii; Dura taa’aa waldaa Faayin Aartii Oromiyaati. Waldaan Faayin Aartii Oromiyaa erga hundaayee ganna afur akka guutee fi miseensota 56 akka qabu hime. Girmaan komii waa’ee artiistonni kaasan yoo dubbatu; waldaan kun akka waldaa dhuunfaatti waan hundaayeef deeggarsa mootummaa gaafachuuf mirga hin qabu sun rakkisaa dha jedhe. Yaa tahuutii mootummaan Galma Aadaa Oromoo keessaa waajjraa fi bakka hojiisaanii itti dhiyeessan akka kenneef eere.

Obbo Kebbedee Deessisaa hoogganaa Biiroo Aadaa fi tuurizimii Oromiyati. Mootummaan dargaggoota aartii fakkii fi bobboca qopheessuurratti bobba’anii jiran kanaaf haga danadaye tumsa taasisaa jiraa jedhu.

VOA’f yoo dubbatan, artiistota kana bajata qabanii dhuunfaan gargaaruun rakkisaa tahuu eeranii mootummaan haga dandaye isaan gurmeessee gargaarsa akka isaan of danda’an gargaaru dhiyeessaa jiraachuu dabalanii dubbatan. Obbo Kebbedeen dargaggoonni kun hojii isaanii biyya keessaa fi alatti beeksifachuun gaheesaanii tahuus dubbataniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG