Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tuullaan Midhaanii Kaaba Itiyoophiyaa Keessaa Saamamuu Tokkummaan Mootummootaa Beeksise


FAAYILII - Jiraattota meeshaa isanii fe'atanii qehee ofii dhiisanii bahan, Cinaa Takilahaaymaanotii, naannoo Amaaraa Fulbaana 9, 2021.
FAAYILII - Jiraattota meeshaa isanii fe'atanii qehee ofii dhiisanii bahan, Cinaa Takilahaaymaanotii, naannoo Amaaraa Fulbaana 9, 2021.

Kuusaa midhaanii kan kaaba Itiyoophiyaa keessaa midhaan hedduun waan saamameef magaalaalee lamaaf raabsii midhaan nyaataa addaan kutuuf dirqamne jechuu dhaan tokkummaan mootummootaa kaleessa beeksisee jira.

Dubbi himaan tokkummaa mootummootaa Stephane Dujarric tuuta oduuf ibsa kennaniin, huuruu qawwee itti qabuu dabalatee doorsisi hamaan tureef gareen sagantaa nyaataa addunyaa gamas ture saamicha kana dhorkuu hin dandeenye jedhan. Sababaa kanaanis WFPn magaalaalee Dasee fi Kombolchaaf raabsii midhaanii addaan kutee jira jedhan.

Dujarric akka jedhanitti kanneen saamaman keessaa nyaata madaalamaa ijoollee hanqinni nyaataa hubeef ta’utu keessa jira. Saamichi Kombolcha keessatti raawwatame humnootii Tigraay fi miseensota hawaasa naannootiin akka ta’e gabaasameera jedhan.

Humnoonni TPLF baatii Adoolessaa keessa loltoota mootummaa Federaalaa naannoo Tigraay keessaa baasuu dhaan, sochii isaanii gara biyya hollaa Amaaraa fi Affaaritti babal’isan. Wabiin nyaataa dhabamuun sababaa wal waraansi ji’oota 13f tureen hammaataa adeeme.

Tokkummaan mootummootaa akka jedhetti naannolee kana keessaa uummata miliyoona 9.4 ta’utu gargaarsa midhaan nyaataa akkaan isaan barbaachisa. Naannoo Amaaraa keessaa uummanni miliyoonni 3.7 gargaarsi kan isa barbaachisu yoo ta’u, Affaar keessaa immoo kanneen 534,000 ta’an rakkataa jiru. Tigraay keessaas uummata miliyoona 5.2tu hatattamaan gargaarsa barbaada. Dhalatonni Tigraay kanneen 400,000 ta’an duruu haala beela fakkaatu keessa seenan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG