Xurree ittiin seenan

Breaking News

Umnii naga eegdota Sudaan Kibbaa waggaa tokkof akka turu murtaa’e


Umnii naga eegdota Sudaan Kibbaa waggaa tokkof akka turu murtaa’e (Suuraa faaylii)
Umnii naga eegdota Sudaan Kibbaa waggaa tokkof akka turu murtaa’e (Suuraa faaylii)

Mannii maree nageenyaa Dhaabbta mootummoota gamtoomani ergamnni umnaa naga eegdotaa Sudaan kibbaa keessa jiru wagaa dabalataa tokkof akka itti fufu morteeseera. Turtii naga eegdotaa kana dheeressuudhaaf sagalee kennamee irratti Raashaan fi chaayinaan sagalee kennuu irraa akka of qusatan kan beekame yemuu ta’u ,mmiseensonni mana marichaa 13 garuu turtiin naga eegdotaa amma Bitootessa 15 bara 2023 akka itti fufu waliigalaniiru.

Bakka bu’an mootummaa Chaayinaa biyyii isaanii turtii naga eegdotaa irratii mormii akka hin qabnee ibsanii garuu sababa itti fufiinsa irratii yaadinii dhihaatee madaalawaa mitii, jechuudhaan yunaayitid isteets dhimma mirgga namoomaa itti dabaluudhaan dhiibbaa irratti uumteetti jechuun isaanii gabaasameeraa. Bakkaa buutuun Mootummaa Raashaas gamaa isaaniitiin murticha fooyyesuudhaaf yaadinii biyyii isaanii kennitee waan fudhatama dhabeef akka sagalee keennuu hin barbaanne ibsaniiru.

Miseensonii naga eegdotaa mootummoota gamtoomanii Sudaan kibba keessa jiran loltootaa kuma 17 ,000 fi poolisootaa kuma 2,100 kan of keessaa qabuudhaa. Dhaabanii mootumootaa gamtoomanii baasiin innii umna nagaa eegdotaa Sudaan kibbaatii baasu waggaatti Doolaaraa Biliyoonii tokkoo ol akka ta’e gabaasameeraa.

Mortoo mana maree nageenyaa kana keessatti akka ibsametti ,sababnii umnii nageenyaa akka bobba’u taasifameef Sudaan Kibbaa akkaa garra wal waraansaatti deebitee hingalleef jedhameeraa. Barra 2013 fi 2018 gidduutti wal loliinsaa garee Prezidaantii biyyatti Saal Vaakiir fi garee Itti aanaa prezidaantii Reek Maachaar gidduutti taasifameen lubbuun namootaa kuma 400,000tti tilmaamamu darbee, kan miiliyoonatti lakkawaman immoo jireenyaa isaanii irraa akka buqqa’an gabaasameera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG