Xurree ittiin seenan

Breaking News

Umriin Lakkobsa, Mul’atatu Murtessa !


Oromoota biyya alaa keessa jiraatan garu hawaasa keessatti dhalatanii guddtan biyya keessatti gargaaraa kan jiran akka jiran beekamaa dha.

Dhiyeenya kana meeshaa tajaajila wal’aansa fayyaa adda addaa kan doolaara kuma dhibba lama caalaatti tilmaamamu, kaaliforniyaa irraa gara Hospitaala Najjootti kan ergite shamarree Obsee Taaddasaa Luboo ofii ishee Narsii ta’uun hojjatti.

Obseen, dhiyeenya kana Ogeessa addaa kan waa’ee dhukkuba onnee fi Narsii ka biraa tokko fudhattee kaliforniyaa irraa gara Najjoo dhaquun da’immanii fi kanneen biroon akka wal’ansa argatan gotee jirti.

Gara fuula duraatti immo waaltaa qorannoo kan Afaan Ingliziin “Diagnostic and Imaging Center" jedhamu ijaaruuf bulchiinsa magaalaa Najjoo irraa lafa argatteetti.Kanaaf jecha uummata koo biyya keessas ta'e biyya alaa keessa jiru biraa deggersan barbaada kan jettu Obseen, gargaarsa ammaan dura gumaachaniifis galatomffattee jirti.

Gaaffii fi Deebii Guutuu MP3 tuquun dhaggefadhaa

XS
SM
MD
LG