Xurree ittiin seenan

Breaking News

UNICEF: Naayijeeriyaatti Baayyinni Ijoollee Bokkoo Haraam Boombii Ajjeesanii Du'uutti Itti Fayyadamuu Dabalaatii Jira


Ijoollee haleellaa Bokkoo Haraam jalaa miliqan, Naayijeeriya, 2015.
Ijoollee haleellaa Bokkoo Haraam jalaa miliqan, Naayijeeriya, 2015.

Lakkoofsi ijoollee milishoonnii Bokoo Haraam ajeesanii du'uu dha itti fayyadaman dabalaa deemaa jira. Oggaa dabre qofa akka gabaasa UNICEF baasetti ijoollee 44 kanarratti bobaasani, kun oggaa afur keessatti harka 10 caalaan dabale.

Boko Haraam yoo tokko tokko ijoollee homaa hin beekne, han bombii qabaachuu isaaniituu hin beekne,gabayaa,masjidaa fi ummata gidduutti ergee namaan ficcisiisa.Ijoollee tana keessaa harkii 75 shmarran.

Mootummoota Gamtoomanitti Dameen Dhimma Gargaarsa Ijoollee Ijoolee UNICEF, Naayijeeriyaa keessatti warraa bombii du'anii ajjeesuu dhoosan shan keessaa tokkoo daa’ima.

Dayreektariin UNICEF damee Nayijeeriyaa Dowun Poorter ijoolleen kun akka yakka hojjatan godhamaa jiru jedhan.

Erga shamarran 219 dormii mana barumsaa magaala Chiibokii, Naaygeeriya kessaa Milishoota Bokko Haraamiin fudhatamanii as buuteen isaanii dhabamee oggan lama kamisa dhufu.

Mootummaan Nayijeeriyaa fi biyyoonni naanoo saanii Bokko Haraam irratti dhiibbaa godhaniin amma tokko magaala fi badiyoota keessaa isaan dhibanis, milishoonni kun mala haaraadhan gadibahanii hubaatii gechisaatuma jiran.Lakkooffsii namootaa boombii ajeesaanii du'uuratti hirmaatanis dabalaatuma jira.

Gabaasa Sagalee.
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:06 0:00
Xurree marsariitii

Ijoollee fi dubartoota Bokkoo Haraam jalaa miliqsiifaman, Nayijeeriyaa, 2015.
Ijoollee fi dubartoota Bokkoo Haraam jalaa miliqsiifaman, Nayijeeriyaa, 2015.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG