Dhaabbata Mootummoota gamtoomanitti dhimaa daa’imanii irratti kan hojjatu UNICEF ibsa hara’a baaseen akka jedhetti Itiyoophiyaa keessati bakkeewwan wagga sadan darbaniif roobnii gahaan hin hin argamneef namoottan Miiliyoonii 6.8 ta’n akka rakkinaaf saaxilaman ibseeraa.
Itiyoophiyaatti bakka bu’aa UNICEF kan ta’an Jiyaanfiraanko Rootijiyaanoo akka jedhanitti sababa balaa kanaatiin naannoo Somaalii fi Oromiyaa daa’imman 225,000 midhaan nyaataa qaama isaanii jabeessuu dhabuudhaan akka miidhamaa jiran himanii, dubartoonni ulfaa fi harma hoosisaa jira 100,000 ta’an gargaarsaa midhaan nyaataa atattamaa akka barbaadan beekisisaniiru.
Bara 2022 keessaa ijoollewwan 850,000 naannoowan Afaar, Somaalii, Oromiyaa fi naannoo sabaa fi sab lammii Kibaa keessatii akka hirdhina midhaan nyaataa gahaadhaaf saaxilaman kan ibse UNICEF,Naannoo gammoojjii Oromiyaa fi Somaalii keessatti Barattoonni 155,000 baaruumsaa akka dhaaban himeera.
Namoottan rakkina kanaa fi saaxilaman gargaarudhaaf UNICEF gargaarsaa Doolaaraa Miiliyoonii 351 kanaan dura ramade irratti dabalataa Doolara miiliyoonii 31 akka isa barbaachisu ibseera.