Xurree ittiin seenan

Breaking News

US bara balaa akkanaa waan hedduun ummata ufii gargaarti. Waldootii Hawaasa Oromoo ‘carraa biyyitii qabdu ummatatti himaa gargaaraa jirra’


Inside the White House amid coronavirus spread
Inside the White House amid coronavirus spread

US bara balaa akka COVID-19 kana waan hedduun ummata ufii gargaarti
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:14 0:00


US biyya namii isii horuma horee miliyoona 300 fi miliyoona 30 caale.Bara balaa COVDI-19 kana irralleetti waan hedduun ummata gargaarti. Bara kana jireenna qaalahen ufi faluuf jedhanii nama miliyoona hedduutii check bulchiinsii pirezidaanti Tiraampi erge $1,200 argate.

Godinii 50n US akkuma biyya tokkoo jechuu dandeenna waan ufiitiin ufi dandaha;alaabaa, seera,poolisii,maqaa moggaasuutii fi waan ufii hedduu qaba.

Wannii godina tokkotti aadaa godina dhibiitti aada-malee tahuu dandeetti.Akka biyya tokkootti ammoo waan mootummaa federaalaa waliin qabdu hedduu qaddi.

Bajatii mootummaa US bara 2020 doolara tiriliyoona 4.7. Bara rakkoo akkanaa US akkamiin ummata gargaarti?Hawaasii Oromoo godina keessa jiru ummata ufii maaniin gargaara?

Minisootaa keessaa Oromo kuma 40 caalaatti jira. Godinii Minisootaa aanaa(County) 87 qaba. Aanaan Hennipen(Hennepin County) keessa nama miliyoona 1.2 caalaatti jiraata.

Bulaa Atoomsaa ganna 20 caala aanaa kana keessaa hojjate.Hojjataa damee fayyaatii fi humna namaati.Bajatii aanaa isaa bara 2020 doolara biliyoona 2 caala jedha.

Aanaa kana keessaa nama nama kuma 43 caalaatti sababa koronaatiin hujii dhabe.Laakkoofsii torbaanuma torbaaniin jijjiirama.

Akkuma buchiinsa godina Amerikaa cufaa nama huji dhae horiin nyaataan,gama fayyaatiin,kiraa manaatiin,liqee manaatii fi waan hedduun gargaaran. Namni sababa COVID-19n hojii dhabe torbaanitti $600 caalaa argata jedha.

Taakkalaa Goobanaa godina Seattle magaalaa SeaTac keessatti miseensa mana marii magaalaati.Seattle godina dhaabbilee akka Starbukcs, Boeing, Micrsoft fi hedduun keessa jiranii godina kana keessa nama miliyoona 3 caalaatti qubata

Magaalii SeaTac nama kuma 30 caalaatti itti qubate.

Hujiin keenna namni hojii dhabe dafee akka gargaarsa argatu tochuu jedha Taakkalaan.

Bajata jiru harka guddaan gargaarsa COVID-19n gula deebisan.

Kamaapnii nama qaxaran barbaadanii akka namii hujii argatu leenjisanii qopheessan. Amerikaanuu akkuma kanaan jirti.

Amma online(internet) irratti leenjisuutti jirra.Faayidaa baay’eetti jira jedha.

“Namoonnii keenna biyya gara garaatii dhufan system(caasaa) kana keessa deemanii gargaarsa kana argatuun baayyee itti ulfaataa jira. Kanfaa hooggantota isaanii karaa gargaarsa(carraa jiru) ittiin argatan gaafachuu qabu.”

US biyya dureettii durummaan isii nama isii akka dansaa gahu.Bulchota godinaa,bulchoota mana marii,senetii fi bulchiinsa hedduu ufumatumatti bahee filata.Namii pirezidaantummaa dorgomu godinuma cufa irra maree akka namii bahe filatu dhugeeffachiifata.

Namii filatan ka rakkoo ummata is filateefii dubbatu. Tanaaf namii tokko bara hedduu ittuma dedeebihanii filatan. US akkuma biyyaattuu nama isii waan hedduun gargaarti.

Bulaa Atoomsaa ganna 20 caalaa aanaa Hennipen keessa hojjate.

“Akkaataan biyyii kun itti hundeeffame saba isaatii fi lammii isaatiif...baayee namatti tola.Lammiin kun yeroo hojii hojjatu taaksi(gibira) kafala gaafa rakkatee hojii dhabu mootummaatti bira dhaabata.Sirna akkasiitit jira baa’ee namatti tola.”

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG