Xurree ittiin seenan

Breaking News

US hiriira momrmii lafa itti oowwiseef caasaa poolisi jijjiirachuuf falachuutti jirti bulchiinsii Miniypoolisi marii dansaatti jira


Sen. Tim Scott, R-SC, flanked by (L to R), Rep. Pete Stauber, R-MN, Senate Majority Leader Mitch McConnell (R-KY), Sen. James Lankford, R-OK, Sen. John Cornyn, R-TX, Sen. Shelley Moore Capito, R-WV, Sen. Lindsey Graham, R-SC, and Sen. Ben Sasse, R-NE, spe
Sen. Tim Scott, R-SC, flanked by (L to R), Rep. Pete Stauber, R-MN, Senate Majority Leader Mitch McConnell (R-KY), Sen. James Lankford, R-OK, Sen. John Cornyn, R-TX, Sen. Shelley Moore Capito, R-WV, Sen. Lindsey Graham, R-SC, and Sen. Ben Sasse, R-NE, spe

US hiriirii mormii lafa itti gara galchee jennaan caasaa poolisii jijjiirachuuf mariitit jirti
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:58 0:00

Guyyaa 30n duratti jalqaban hardhallee ittuma jiran. MN haga Hawaii godina ykn State Amerikaa 50nu waliin gahanii addunyaalleen irraa fuutee dabarteen.

Namii afaan tokkoo dubbaa.Black lives Matter,BLM lubbuun gurraachaa bilaashaa miti jechuutti jira.

Poolisii Amerrikaa nama gurraacha woma fedhan tolchan jedhanii himatan. Rakkoo bara dhibba hedduu turte.

Caamsaa 25 Poolisichii faranjii Derek Chauvin nama gurraacha George Floyd morma irratti jilbiiffatee adoo innii waakuu diqquma miila dhaabatee namii sun du’e.

Warra sunillee balleessaa lubbuu namaatii himatanii dubbiin isaanii lafa jirti.

Nama gurraacha akkuma durii ganna dhibba hedduun duratti Afrikaa bitatani dhufaniiniin ammallee caasaa seeraatii fi bulchiinsaa wal xaxeen gadi qabuutti jiran jedhanii iyyuufiitti jiran.

Namii Amerikaa caasaa poolisiitii fi qorannoo yakkaa Amerikaa keessatti akka wanii hedduun qajeeltu himachuutti jira.

  • Seerii poolisiin namaan qabdu
  • Poolisi humna haga dabraatiin nama qabuu dhiiftu
  • Poolisii haga wa balleessaniin itti gaafatam dhabuu fi waan hedduu.

Warrii hiriira bahe kun dallanee fulaa hedduutti soodduu warra nama garboomfate, bulchoota akka garbummaan hin banne lolan pirezidaantota bitattee nama garboomfachaa baatee fi ta nama hedduu bubuqqisanii halluu didabii taan qaqaarsian.

Soodduu Minisootaatti qaarisan keessa tokko ta Christopher Columbus, nama durii Amerikaa arge jedhanii seenaan barreeffameef.

Dhalootaan Xaliyaanaa nama bara jaarraa 14essoo keessa Atlaantik taakkee Amerikaa waliin lafa Awurooppaan bittee garboomfachuu dandeettu dooyaa dhaqe.Bara 1492 keessa Amerikaa argee biyya itti godaansise jedhanii seenaa barreessaniif.

Mawardi Hamid abbaa alangaa addaa(State Attorney)Minisootaati.Seenaa Kolomboos waan dharaa nu barsiisanii tanaaf ummatilleen itti dallanee soodduu isaa buqqise jette.

Adoo warrii lafaa native Indians ka duruu Amerikaa irra qubatan seenaa ufii barreessanii mana barumsatti nama barsiisanii silaa seenaa dogoggoraa hin barannu jette.

Amerikaatti poolisi kuma kuma dhibba hedduutti jira.Poolisi magaalatti qaxarata.Godinilleen godinii poolisi ufi qaba. Poolisiin godina Sherfiff jedhan poolisiin ammoo hujii guddoo hojjattu poolisii magaalati.

Waldaan Poolsiin Amerikaa humna guddoo qaba.Mindaa poolisii wayyeessuu,yoo himatan gargaaruu,faayidaa poolisiin argachu malte dubbachuu fi waan hedduun golaaf gargaara.
Waldaan hagii tokko jijjiiramii kun poolisii balaa irra buusa jedhee dida.

Poolisii Amerikaa yoo viidiyoo kaameraan qomattit naqatani yaahan.Waan jari hojjate suniin tohatan.

Ummatilleen waan poolisiin hojjattu kaameraan waraabuu dandaha kun mirga seerii kenneef.

Ummatii gurraachii bulchiinsa keessatti namii keenna diqqaa ollaa keennatti ammoo poolisii itti heddataa oolmaa fi bultii nu dhowwan jedha.

Minisootaa keessatti akka jecha Maawardiitti namii waan hedduu gaafachuutti jira:

Akka poolisii horii hin baafane

Caasaan poolisii diigamee ummati itti dabalamee poolisii haaraa jaaran

Bulchiinsii Miniyapoolis hagii guddaan caasaa poolisi diiganii haaraa jaaruuf akka dansaa itti deemuutti jiran.

Maqaa poolisiillee jijjiiranii ‘eegumsa nagaa ummataa jeequmsa tohatu’ jedhanii baasuuf itti jiran.

Woma taheefuu Amerikaan caasaa poolisii isii jijjiiruuf godinii cuftii seera isaa baafatee marii fi falmaatti jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG