Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhaabbanii Gargaarsaa Yunaayitid Isteets USAID'n Oromiyaaf Gargaarsaa Birrii Biiliyoonii 10.2 Taasisuu Beeksise


Asxaa Dhaabbanii Gargaarsa Misoomaa Yunaayitid Isteets (USAID)

Dhaabbanii gargaarsa misoomaa Yunaayitid Isteets ykn USAID jireenya lammiilee Oromiyaa 400,000 deggeruuf kan oolu gargaarsaa Birrii Biiliyoonii 10.2 taasisuu isaa ibsi Embaasii Yunaayitid isteets isa Finfinneetti argamuu irraa bahee beeksiseeraa.

Akka ibsii kun jedhetti, gargaarsichii Inveestimentii "USAID IFAA" jedahmuu fi sagantaa seeftii neetii omishaa issa mootummaa Itiyoophiyaatin geggefamuuf kan ooludha.

Sagaantaa Seeftii neetii waggootan 5 ykn "PSNP 5" jedhamee beekamu kanaan Itiyoophiyaanotaa Miiliyoonii 9 ta’an iyyummaa keessaa baasuudhaaf akka gargaaru ibsameera.

Daabanii gargaarsa misoomaa yunaayitid isteets sagantaa seeftii neetiif qofa bara 2015ni kaasee qarshii biiliyoonii 60 ramaduu isaa kan ibse Embaasiin Yunaayitid isteetes inveestimentin haaraan lamman ammaa, meeshaadhaa fi beekumsa namootaaf kennudhaan keessumaa immo akka jiraattonii naannoo Oromoiyaa omisha midhaan nageenyaa qaamaatiif fayyadan akka fooyyeesan gargaara jedheera.

Qarshiin torban kana ramadamee waggoottan shana darban keessatti akka wali galaatti qarshii karaa dhaabataa gargaarsa misoomaa Yunaayitid Isteets USAIDn ramadame biiliyoonii 220 irratii dabalataan akka ta’ee ibsii Embaasii Yunaayitid Isteets irraa bahe kun beeksiseera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG