Xurree ittiin seenan

Breaking News

USA,Russia fi Kenyan dorgommii Kooriyaan Kibbaa 1-3 bahanii warqii guurratan


Ibraahim Jeeylaanitti metirii 10,000tti moohatee Itoophiyaa warqii malee duwwaa galuu dhowwe biyyitii meetii afurillee argattee sagaleessoo baate

Atileetota 2000 tahaatti ka addunyaa walti yaahE Kooriryaaa Kibbaatti yaahe.Bisaan dhaakachaa,fiigicha metirii akka akkaa fi walumattuu Kooriyaan Kibbaa dorgommoo IAAF,Federeshiinii Waldaan Atileetiksii Addunyaa qopheessee 13eessoo irratti waan hedduu lafa isii Deagutti kopheessite.

Atileetotii Keenyaa barana itti hin fuurre;meetirii 800-Maratoonii moohatanii warqii haratanii galataniin,warqii torbaan galatte.Haaloo ganna lamaan duratti ta Germen ka warqii afur qofaan galatte bahuuf fakkaata jennaa ree...Akkuma taateefuu Keenyaan warqii toba argachuun biyyaa gamamchuu guddoo taate.

Itoophiyaan warra leenjisu dabalee nama haga nama 40tiin Kooriyaatti qajeelte.Atileetotii warqii guurrachuun beekamaan hedduun keessa jiraachuu baatanillee meetii afur argattee.Ibrahim Jeylan ka namii hedduun egriiyyuu abdiin eegatu meetirii 10,000 irratti gurbaa Soomalii ka amma Britaniin cehu Maammad Faaraa caalee sekondii jahaan moohate.

“Atsedee Baayyiyaa warra maratoonii dorgomu keessaa tokkoo 14eessoo baate.Durattuu qophoofnee yaanullee qilleensii lafaa baayyee waan oowwuuf nu ukkaamsee fiiguu nu dhowwe taatullee galata waaqaa Ibraahimitti warqii nuu fide.”

Dorgommii Kooriyaa Kibbaa tana irratti haga guddaan USA-tti badhaasa guddaa argate,Russiayaatti itti aane Keenyaatti faana jira.

Adoo tana jennuu atileeti Atsedeen nama fiigu qofaa miti nama sirbullee sirbii isaa amma maqaa isiitn youtube irra jiraa,dhiyoottuu sirbaa haaraa baasee gadi dhiisaa jettee nama ala keenna ka ala jiru cufattu nagaa naa dhaami jette.

Mee qophii Ispoortii ta hardhaa caqasaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG