Xurree ittiin seenan

Breaking News

Vaayrasiin Koronaa Rakkoo Daldalaa Umee Jira


Daldaltoonni Naayjeriyaa kuma hedduun Waggaa waggaan gara Chaayinaatti kan imalan yoo ta’u kunis waan biyya ofii keessatti gurguran bituuf ta’uun beeekamee jira.

Garu aangawoonni Naayjeriyaa hanga vaayrasiin Koronaa to’annaa jala ooluutti namoonni daldala irratti bobba’an kan Naayjeriyaa gara Chaaynaatti akka hin imalle ugguran.

Nayjeriyaa fi Chaayinaan michuu daldala guddaa fi bara 2018 Naayjeriyaan mi’a Doolaara Biliyoona 7 baasu Chaayinaa irraa gara biyya ofiitti galfatan.

Chaayinaan lammiwwan ishee Naayjeriyaa keessa hojjatanii fi jiraatan lakkoofsa guddaa yoo ta’u hedduminni isaanii dabalaa jira.

Kanaaf jecha jaarmayaan Fayyaa Addunyaa biyyoota Afrikaa vaayrasii Koronaaf saaxilamuuf carraa guddaa qabu 12 keessaa tokko Naayjeriyaa ta’u ibsee jira

Naayjeriyaatti Ambaasaaddarri Chaayinaa akka jedhanti vaayrasichi akka Naayjeriyaa keessa hin seenne gochuuf mootummonni lameen walii wajjiin hojjataa jiru.

XS
SM
MD
LG