Xurree ittiin seenan

Breaking News

Vaayreesii HIV/AIDS Beelessanii Dhiba Kanaan Wallaanuu Dandahan Jechaa Dhageettanii?


HIV/AIDS ganna 30 caalaa nama irratti arganitti nama akka malee hedduu lafa irraa fixe.Ka dhuamte malee nama miliyoona hedduutti dhiba kana qaba.

Addunyaan waan hedduu beettu tun dhiba kanaa maaniif qorsa arguu dadhabde re?Saayintistooti hedduun waan kanaan wallaanuutti jiran.Kana keessaa tokko barataa Waaqoo Dhaddachaati.Waaqo University Amerikaa Rochester jirututti qorataa Vaayreesii HIV/AIDSti.Barmusa PHD barachuuf itti jira.

Isaafii saayinsitootaa fi doktoroora haga 19 tahan ta Amerikaa fi Faransaay dabalee mala Vaayreesii HIV/AIDS beelessanii dhiba kanaan wallaanii arge.Nafuma namaatti soora nafa namaa akka vaayreesiin kun hin arganne tolchaa jehuu.

Oduun tun media addunyaa hedduu irratti baatee namuu waan isii laaluutti jira.Yuversitiin Rochesterilleen oduu tanaan ta gammachuu jette.Waaqo anilleen waan dandahuun akka dhukubii nama hin findhe gargaaraa jedhee barmusa komputeraa irraa qorannoo HIV/AIDS jijjiirate.

Mee waan Waaqoo Dhaddachaa Gaafannee MP3 tana irraa caqasaa.

XS
SM
MD
LG