Xurree ittiin seenan

Breaking News

Vaayresiin Kooronaa Keeniyaa Keessattis Mullate


Mutaahii Kaagwee, Kaabineen ministeera fayyaa Keeniyaa
Mutaahii Kaagwee, Kaabineen ministeera fayyaa Keeniyaa

Ministeerri Eegumsa fayyaa Keeniyaa harra namni dhibee Kooroniyaa Vaayresiin qabame biyyattii keessatti argamuu mirkaneessee jira.

Keeniyaan harra lammii biyyattii tokko irratti Vaayresiin Kooroonaa irratti mullachuu beeksiste. Ministeerri fayyaa Keeniyaa akka beeksiseen dhukkubi kun lammii biyyattii ganna 27 tokko irratti argamuu mirkaneessee jira.

Vaayresiin Kooronaa Keeniyaa Keessattis Mullate
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:05 0:00

Mutaahii Kaagwee Kaabineen ministeera fayyaa Keeniyaa Vaayresiin kun lammii Keeniyaa dhiyeenya Yuunaaytid Isteetis irraa gara biyyatti deebiterratti mullatee jedhan harra yoo gaazexeessitootaaf ibsa kennan.

Harra ministeerri fayyaa vaayresiin Kooronaa biyya keessatti mullachuusaa ibsuu fedha. Dhukkubni kun kaleessa bitootessa 12, bara 2020 galgala lammii Keeniyaa Yunaaytid Isteetis turtee karaa yuunaytid Kiingdem bitootessa 5, 2020 Naayroobiitti deebiterratti mullate. Mallatoo isheerratti mullateen booda giddu gala qorannoo ministeera fayyaatti yaala isheef taasifameen dhukkubi kun irratti argameera.

Mr. Kaagween lammiin Keeniyaa dhukkubi kun irratti mullate shamarree ganna 27 ta;uu himanii amma yaala fudhattee fayyaanshee haala gaariirra jira jedhan. Ammas garuu lammileen Keeniyaa guyyaan isheen biyyatti deebitee fi ka dhukkubi irratti argame walirraa fagoo waan ta’eef vaayresiin kun tatamsa’in hin hafne jechaan sodaataa jiru.

Kanaaf ka deebii kennan kaabineen ministeera fayyaa keeniyaa dubreen qabamte fayyinnishee fooyya’aa akka jiru, namoota erga biyyatti deebitee waliin turtes odeeffannoo guutuu nuuf laatteetti jedhan.

Mr Kaagween lammileen biyyattii hagas dhiphachuu hin qaban jechuun akeekkachiisanii mootummaan biyyattii guyyoota 30’n dhufaniif dorgommiiwwan Ispoortii, hidhamttota daawwachuu fi wal gahiiwwan kamuu gaggeessuun dhorkaa ta’uu beeksisan.

Nami dhukkuba kanaan qabame Keeniyaa keessatti mullachuun wal qabatee Embasiin Itiyoophiyaa Keeniyaa jiru lammilee Itiyoophiyaa Keeniyaa jiraataniif akeekkachiisa dabarseera. Harra karaa saba himaalee hawaasaan lammileen Itiyoophiyaa Keeniyaa jiraattan of eeggannoo akka taasistan; bakka nami itti hedduummatuus akka of qusattan jechaan dhaamsa dabarseera. Keeniyaan biyya Afriikaa vaayresiin kun keessatti argame ishee 13ffaadha.

XS
SM
MD
LG