Vaayrasiin haaraa argamee Omiikroon jedhamu waan nama yaaddeessuu qabu malee kan sodaa uumuu ta’u hin qabu jechuun prezidaantiin Yunaaytid Isteetes Joo Baaydiin dubbatanii jiru.Balalii xayyaaraa Amerikaa fi biyyoota Afrikaa gama Kibbaa gidduu ture dhaabuun koos sirrii dha jechuun falman.
Gama kaaniin talaaliin farra dhukkuuba KOOVIID-19 ittisuu ardii Afrikaa haga barbaadamee hin dhaqqabne jechuun yeroo dubbatamaa jiru kanatti lakkoobsii namoota Afrikaa keessatti talaalii kana fudhachuuf fedhii qabaniis gad adeemaa kan jiru ta;uun ibsamee jira.
Gabaasa Guutuu Caqasaa.