Xurree ittiin seenan

Breaking News

Biyyi keenya kadhattuu miti: Nikolaas Maduroo


Looltoonni Venezu’eelaa daangaa ijoo kan ittiin gargaarsi dhala namaa Amerikaa fi biyyoota alaa irraa ittiin seenu cufanii jiru.Kuufamnii gargaarsaa guddaa fi Doniin bifa cuqulisaa qabu lama gara walakeessa Riqichaa venezu’eelaa fi Kolombiyaa wal agarsiisu irra turan.

Garu ce’uuf yaalii yeroo godhanti waardiyyoota naannoo sana to’atan turaniin deebifaman.Yunaaytid Isteetes gargaarsa doolaara Miliyoona 20 baasu Venezu’elaaf kennuuf waadaa seentee jirti.Kunis kan akkaan rakkoo ta’e nyaataa fi Dawaa kan dabalatu ta’uun beekamee jira.

Garu prezidaantiin venezu’eelaa Nikolaas Maduroo gargaarsa kana fudhatama dhabsiisan.Kanaafis sababaan kennan “Venezu’eelaan kadhattuu miti” kana malees waraana Amerikaaf karaa banuu ta’a jedhan.

Lammiwwan Venezu’eelaa miliyoona hedduun jireenyi qaala’uu irraa kan ka’e gara biyya ollaa taate Kolombiyaatti akka dheessan godhe.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG