Xurree ittiin seenan

Breaking News

VOAn Dhiibbaan Tokko Illee Akka Irra Hin Jirre Beeksise


Kan as Waashintonitti argamu waajira Raadiyoo Sagalee Ameerikaa fuul-duratti kanneen hiriira bahan lammiwwan Itiyoophiyaa fi Ameerikaanonni dhalata Itiyoophiyaa "Mootummaan Itiyoophiyaa, qophiilee Raadiyoo Sagalee Ameerikaa jijjiirsisuuf akka dhiibbaa gochaa jiru ni amanna" jechuudhaan akka VOA-n dhiibbaa kanaaf hin jilbeeffanne gaafatan. "Ragaan fuula afurtama tahu bahee jira. Achi keessatti abaluun abaluun VOA irratti akka nutti hin dhiheessine,ka jedhu faa tu jira. Nuti ammoo VOAn nu gargaaras, Mootummaa gargaaras" jennee yaadnee hin beeknu, jedha hiriirtota sana keessaa tokko.

Yeroof hoji-geggessaa yokaan Daayirektara Raadiyoo Sagalee Ameerikaa ka tahan Stiiv Reedish "VOAn akka sagantaalee isaa jijjiru Mootummaa Itiyoophiyaa dhiibbaa irra kaayamu hin jiru. Sagantaalee dabarsannu numatu murteeffata" jedhu. VOAtti daayirectorri kutaa Afrikaa, Guween Diilaardis yaaduma kana jabeessudhan "biyyoota Mootummoonni sabaa-himaalee ukkaamsan keessattis tahe biyyoota sabaa-himaaleen walaba tahan keessatti akkaataan hojii keenyaa hin jijjiiramu. Raadiyoon Sagalee Ameerikaa Chaartera isaan hoogganama. Kunis oduu sirrii haga danda'ametti waan hundumaa of keessaa qabu, madaalawaa , haala wal-falmsiisaa tahe keessatti immoo yaada qaamawwan dhimmi isaa ilaallatu maraa hammatee, uummata oduu sana dhaggeeffatuufis dhugaa jireenya isaa calaqqisu gabaasuu dha." jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG