Hogganaan looltoota Tigraay Letenaal Jeneraal Taaddasaa Worede akka jedhanitti Akkaataa bu’uura waliigaltee Naayiroobiitti tolfamee ilaalchisee, humnoota isaaniif ibsii kennamaa akka turee fi kunis guyyoota lamaan itti aanan keessatti ni xumurama jedhan.
Ibsa Miidiyaalee naannoo sanaaf baasaniin, hubannaa kennamaa jiru kana booda loltoonni adda waraanaa irraa gara bakka isaaniif qophaa’etti ramadamuu jedhan. Hanga dandeettiin loojistikii ykn dandeettiin keenyaa hayyamutti al tokkotti fudhachuu dandeenya ykn erguuf guyyoota muraasa fudhachuu danda’a; Kun ni jalqaba” jedhan ajajaan olaanaa kun.
Mariin Siyaasaa yeroo dhiyootti eegaluu qaba. Yoo kun harkifate madda waldhabdee ta’uu danda’a jedhanii, garuu Waliigaltee Nageenyaa hojiirra oolchuu eegallee jirra, jedhan. Mariin Siyaasaa akka baayyee gaariitti hojiirra ooluu akka danda'uuf garu yeroo dhiyootti eegalamuu qaba jechuun ibsan.
Labsiin Naayiroobii Ajajoota Olaanoo Mootummaa Itiyoophiyaa fi ABUT haalawwan raawwii waliigaltee Piriitooriyaa ilaalchisee baaseen ibsii ajajoota waraanaan humna isaaniif kennan, erga ajajaan kun bakka idilee isaanti deebi’anii booda guyyoota torba keessatti ni raawwatama. Ibsa waraana isaaniif kennan sana booda guyyaa afur keessatti looltummaa irraa adda ba’u jedha walii galteen labsame jechuun mulugeetaa Atsebahaa maqalee irraa gabaasee jira..
Forum