Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waajirri Mummicha Ministeera Itiyoophiyaa Har’a Ibsa Kennee Jira 


Mummichi ministeeraa Abiyyi Ahmad waraana hogganuuf jecha gara adda waraanaatti imaluun isaan, tokkummaa biyyatti mirkaneessuuf akkasumas akka biyyattiin itti fuuftuu gochuuf murtii kennamee dha jechuun waajirri isaanii har’a beeksisee jira.

Duula mummichi ministeeraa adda waaraanaati hogganaa jiran, jaarmayoonni shoroorkaa warra biyya alaa keessaa jiran waliin ta’uun shiira qopheessan ittisuufis akka ta’e itti gaafatamtuun kutaa preesii kan waajiira mummicha ministeeraa Bileenee Siyyuum ibsanii jiru.

Lammiwwan Itiyoophiyaa biyya alaa keessa jiraatan kanneen miliyoona tokko ta’an torban 5 booda kan kabajamuu, ayyaana ganniif gara biyya isaanti akka dhufan waamicha dhiyeessanii jiru.

Ibsii waajiira mummicha ministeeraa irraa ba’e kun hojii torban dabree hojjatamaa turan, Labsii yeroo hatattamaa labsamee fi bu’a argame, gargaarsa dhala namaa Itiyoophiyaa keessaaf deebii kenname akkasumas haala nagaa fi nageenya biyyatti keessaatti kan fulleeffate ture.

Kana malees itti gaafatamummaan akka jiraatuuf cicha jiru, odeeffannoo dharaa, hawaasa addunyaa hanga tokkoo fi lammiwwan Itiyoophiyaa biyya alaa keessa jiraataniif waamiicha dhiyaate ibsii kun of keessaa qaba.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG