Xurree ittiin seenan

Breaking News

‘Waan Fiignee Biyya Keenyaaf Qaqqabnu Baayyeetti Jira’


Kana ammoo akka namii biyya keessaa fi biyya alaalleen beeku feenaa jedhu,bakka bu’aan “Run For Oromiya,”Obbo Saamu’eel Amaanu'eel

Dhaabii siyaasaa tokkollee keessa hin jiruu jedhu "Run For Oromia"n haga hujii jalqabee amma ganna abressoo keessa jira; hujiin isaalleen aadaa, seenaa, mala jireennaa fi rakkoo Oromoo dabalee akka namii biyya alaa jirulleen jireenna Oromoo baratu tolchuu.Tana ammoo dorgommii akka akka qopheessuun hojjata, jedhu bakka bu’aan “Run For for Oromia” kun.

"Run For Oromia"n yoo atileetotii gara garaa walti dhufanii dorgomanii moohatan badhaasa kenna.Dorgommiin tun haga ammaatti waggaa waggaatti Amerikaa-kutaa MN-tti taati.

Dhaabii kun dorgommii fiigichaa KM 5 fi KM 10 ta dhiiraa fi dubraa Adoolessa 17,bara 2010 qopheessee wal dorgomiise irrattiilleetti akkuma duruu godhu badhaasa kenne. Badhaasa sun irra jireessa lammiwwan Keniyaa fi Ameerikaa tu argate.

Obbo Samu'eel Amaanu'eel bakka-bu'aa "Run For Oromia" ti.

“Biyya keenyatti fiignee wanta qaqqabuu barbaachisaa waan baayyeeti jira …fiigichaan qabannee bira geenyaadha kaayoon keenya. Tana malee gama daldalaa, bilisummaaf waan gargaaruu dandahan ta biyyitii tun nama yaamtuuf hedduuti jira," jedha.

Maaliif maqaa "Run For Oromia" baafattan jennaan , Rikoordii fiigichaa biyya lafaa irra jiru baayyee kan qabate ijoollee Oromiyaa ti…tanaaf maqaa kana filanne,” jedha, Obbo Saamu'eel. Akka bakka bu’aa kanaatti wanna Oromiyaan ittiin beekamtu hedduu keessaa tokko fiigicha. Kanumati Itoophiyaallee addunyaa irratti beessise.

OROMIYAAF FIIGI
OROMIYAAF FIIGI

Odeeffannoo "Run For Oromia" fi badhaasi dorgommii tana irratti kennamelleen www.runfororomia.com irra jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG