Xurree ittiin seenan

Breaking News

‘Waan Garaa Nu Baate Garaa’tti Dee’ffanne’ Adam Saaddo Sheekaa


Ilma Adam Saaddo Sheekaa, Obbo Musaa Adam Saaddo
Ilma Adam Saaddo Sheekaa, Obbo Musaa Adam Saaddo

Baale, Goobbatti, bara 1877 ka dhalatan Haj Adam Saaddoo; Goota Baddaa Baalee maqaa jedhamuun beekamu. Abbaan Isaanii Saaddo Sheekaa, daa’ima dhiiraa lama horatan jedhu, Musaa Adam Saaddoo ilmi isaanii.

Gabaasa sagaleedhan dhihaatef as cuqaasaa.

‘Waan Garaa Nu Baate Garaa’tti Dee’ffanne’ Adam Saaddo Sheekaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:57 0:00

Obbo Musaan; Saaddo Sheekaa Gobbatti nama hayyuu kan seera qajeelchu fi tumu, jaarsa biyyaa ‘arjaas’ turanii jedhu.

Obbo Musaan, Abbaan Isaanii Haj Adam, dhalatanii umrii ijoollummaan barnoota amantaa fi Afaan Arabaa dafanii akka baran, kitaabota fi barreeffamoota adda addaa dubbisuu jaallatus jedhu. Baayyee adoo hin turinis Haj Adam ijoollummumaan gara falmii mirgaatti seenanii jedhu kitaaba seenaa Haj Adam ka barreessan Obbo Musaan.

Obbo Musaan, Haj Adam dhalatanii umrii Gadaa lammataasaanii keessa warri sirna abbaa lafaa’n biyya bulchuu fedhu Baale qabatan, sirna Malkanyaa jedhamu biyyarratti fidanii jedhu.

Sirni kun saba naannoo warra abbaa lafaatiif ergamaa fi bitamaa waan taasisuuf, Adam Saaddoo kana arganii achumaan sirna kana mormanii jedhu akka lakkoofsa Itiyoophiyaa bara 1910 kaasuun.

Dabalaniis yoo ibsan, ‘Seenaan Adam Saaddoo (Haji) adoo sirnaan galmaayee nama jalqaba mirga saba isaaf falmate isa taasisa’ jechuunis himu.

Obbo Musaan Haj Adam, bara jireenya isaanii keessatti yeroo 19 ka hidhaman Finfinnee fi Baaletti ta’uullee dabalanii dubbatan. Dookter Birraatuu Qananii Yuuniversitii Madda Walaabutti Barsiisaa Seenaati. Haj Adam falmii warra baalee bara 1960 keessa gaggeeffame keessatti gahee cimaa nama qabu ture jedhu.

Suuraa Haj Adam Saaddoo (Maddi: Maatii isaanii)
Suuraa Haj Adam Saaddoo (Maddi: Maatii isaanii)

Kana malees Haj Adam falmattoota mirga Oromoo kan giddu galeessa Oromiyaa turan, warreen akka Taaddesee Birruu, Alamuu Qixxeessaa fi kaan duuka hariiroo cimaa qabu turan jedhu Obbo Musaan.

Akka lakkoofsa Itiyoophiyaa bara 1959 ture, Haj Adam Saaddoo falmii Baale fi gara Bahaa jiru akkasumas haala waldaa maccaaf Tuulamaa Baalee jiru qabsaawota warra jiddu galeessa jiraniif dhaamsa ka fidaa turan. Tikni mootummaa yerosii waa’ee waldaa macaa fi tuulamaa waan irra gaheef namoota sana keessaa qooda qaban kaan hidhaa kan miliqan ammoo adamsaa ture.

Alas ka waan kana quba hin qabne Haj Adam Harka eegdota mootummaa bu’anii hidhaman. Dookter Birraatuu QananiiAkka Dookter Birraatuun jedhanitti, alas Adam Saaddoo dhaamsa Waaqoo Guutuu, haala falmattoota Oromoo Baalee turan fi Sochii Waldaa Macca fi Tuulamaa Baalee ibsuuf yoo dhufan harka tika mootummaa bu’ani.

Tikni mootummaa gaggeessitoota Waldaa Maccaa rratti tarkaanfii fudhataa akka tures himu. Alasis Adam Saaddoo Waajjira Jeneraal Taaddesee Birruutti yoo bilbilan Jeneraal Taaddeseen harka mootummaa miliqee ture. Namni Waajjira san tures akka Taaddeseetti haasawuun isaan qabsiise jedhu’ seenaa ture yoo ibsan.

Achiis jedhu Dookter Birraatuun, achiis yoo qabamuu isaanii baran, waajjira poolisii gahanii mana fincaanii eyyamsiifatanii seenuun dhaamsa waraqaa san alanfatanii balleessa jedhu. Yeroo tikni mootummaa isa gaafates ‘waan garaa nu baate garaatti deebifanne’ jechaan deebisaniifii hidhaan ganna 25, fi reebichi, qabeenyisaaniillee akka dhaalamu itti murtaaye jedhi Barsiisaan Yuuniversitii Madda Walaabuu Dookter Birraatuun.

Sana boodas ol iyyannaa iyyatanii Haj Adam ganna sadii akka hidhaman Dr. Birraatuun ni dubbatu. Haj Adam erga du’anii ganna 40 booda bakka dhaloota isaanii Magaala Goobba’tti siidaan yaadannoo mootummaa naannoo Oromiyaan ijaarameefiira. Obbo Ashenafi Tolosaa Itti gaafatamaa Waajjira Koomukeeshinii Magaalaa Goobbati. Siidan Haj Adam bara 2012 Birrii Miiliyoona 5’n ka ijaarame tahuu dubbatan.

Obbo Ashennaafiin Baale gootota sabaaf quuqama qaban akka Waaqoo Guutuu, Aliyyii Cirrii, Huseen Bunee fi kaan akka qabu eeranii warra kana eger seenaa isaanii fuulduratti baasuuf hojiitti jirraa jedhan. Dabalaniis amma Magaalaa Roobee keessatti Siidaan Waaqoo Guutuu qarshii miiliyoona 12’n ijaaramaa akka jirus dubbataniiru.

Baaletti kan argamu Yuuniversitiin Madda Walaabuus seenaa Gootota kanaa qorachuuf, giddu gala akka dhaabuuf jiru, yuuniversitii Madda Walaabuutti barsiisaan Seenaa Dr. Birraatuu Qananii VOA’tti himaniiru.

Adam Saaddo Sheekaa, bara 1981 dhalatanii ganna 104tti addunyaa kanarraa boqotan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG