Xurree ittiin seenan

Breaking News

Wabii midhaan Nyaataa Afrikaa ilaalchisee koreen fannoo diimaa ibsa kenne


FAAYILII - Moyaalee bakka qarqaarsi midhan nyaata hiramaa ture alaabaa mallattooo dhabbata Fannoo Diimaa, Itoophiyaa, Waxabajjii 2009
FAAYILII - Moyaalee bakka qarqaarsi midhan nyaata hiramaa ture alaabaa mallattooo dhabbata Fannoo Diimaa, Itoophiyaa, Waxabajjii 2009

Yeroo Ammaa ardii Afrikaa keessatti nama 4 keessaa nammii tokkoo hanqina wabii nyaataatiif akka saaxilame Koreen Dhaabbta fannoo diimaa adduunyaa ibsaa baaseen beekisiseera.

Jiraattonii Afrikaa harka sadii ol ykn Miiliyoonii 3 fi miiliyoonii 46 ta’an rakkinaa wabii midhaan nyaataf saaxilamuu isaanii kan ibsee gabaasi fannoo diimaa ,rakkinchii lixa Afrikaa Mooritaaniyaa fi Burkiinaa faasoo kaasee ammaa baha Afrikaa Somaliyaa fi Itiyoophiyaatti akka mul’atu beeksiseera.

Biyoottan Somaaliyaa, Keeniyaa, Naajeriyaa fi Burkiina faassoo keessatti sochii gargaarsaa dabaluu isaanii kan himan, dhaabbataa fannoo diimaatti hogganaa gargaarsa Idlee adduunyaa kan ta’an Dominiik Stiilhart namoonii miiliyoonatii lakkaawaman beela’aa jiraachuu isaaniif Daa’imman hanqinaa nyaata qaamaa isaaniitiif gahaa ta’een kan ka’ee du’aa jiraachuu isaanii dubbataniiru.

Haalli jijjirama qileensaa, waltii bu’iinsi, dhibeen kooviid 19 sababootaa rakkinichaa hammeesan akka ta’an kan eere ibsii fannoo diimaa kun, walwaraansii dhiheenyaa kana Ukireen keessatti dhalate qaala’insaa midhaan nyaataatiif Boba’aa uumuu issaa ibseeraa.

Rakkinichaa fooyyesuudhaaf laffa irratti deggersii dabalataa akka isaan barbaachisuu kan dubbatan Dominiik stiilhart, mootummoonni, michuuwwan gargaarsa namoomaa fi wareen arjooman akka qindoominaan gargaarsa taasisan waamichaa dhiheesaniiru.

Yeroo ammaa dhaabbanni fannoo diimaa fi sochiin baatii diimaa adduunyaa, waloodhaan biyyoottan Afrikaa, Somaaliyaa, Keeniyaa, Itiyoophiyaa, Sudaan Kibbaa, Koongoo Demokraatiik Repabliik , Sudaan Najeeriyaa, Repabliikii Afrikaa walakkeessaa, Chaad, Kaameruun, Niijer , Burkinaa faasoo, Maali fi Moritaaniyaa keessatii bakeewan rakkinii nyaataa muudate irratii xiyyeeffatanii hojjachaa jiraachuu isanii ibsii fannoo diimaa kun beeksiseera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:57 0:00
More
XS
SM
MD
LG