Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waldaan Gargaarsaa,BoSA,Diraa fi Baaddiyaa Booranaatti Waan Vaayireesii Koronaa Irratti Nama Gorsuutti Jira


Waldaan Gargaarsa BoSA,Diraa fi Baaddiyaa Booranaatti Waan Koronaa Nama Gorsuutti Jira
please wait

No media source currently available

0:00 0:13:07 0:00

Borana Scholars Association(BoSA)Waldeennaa gargaarsaati.Akka bulchootii isaa jedhanitti waldeennaan barumsa guddaan biyya gargaaree wabarsiisaa.

Jaatanii Kolooboo,barsiisaa yuniverstii Bulee Horaati,warra durii waldeennaa kana yayaybe keessaa tokko amma akkuma koreetti hojjata.Waldaan kun baaddiyaa fi magaala keessa yaahee waan dhiba vaayireessii koronaa irrtti nama gorsaa bahe jedha.

“Diraa fi Baaddiya hedduu keessa yaane.Yaaballo,Eelwayyee,Dubuluqi,Diida-Haraa,Haroo-Bakkee,Diida-Yaaballoo fi fulaa hedduutti gabayaa namaatii fi gabayaa horii dhandhee nama keennaa hubannoo kennine.”

Akka Jaataniin jedhetti namii hagii tokko ammallee akkuma durii jiraata,hagii tokko ammoo wayyaa qaba. Diida-Yaaballootti namii cichaa dura bisaanii fi samumaa kaahe keessummaa harka dhiqachiisa.

Diid-aHaraatti ammooo daandii baaddiyaattiin goran irratti haada hidhanii harka nama dhiqaciisaanii gadi nama dhiisan jedha.

Waldaan Gargaarsaa,BoSA,Diraa fi Baaddiyaa Booranaatti Koronaa Irratti Nama Gorsuutti Jira
Waldaan Gargaarsaa,BoSA,Diraa fi Baaddiyaa Booranaatti Koronaa Irratti Nama Gorsuutti Jira

Rakkoon jabduun akka jecha isaatti geejjbii namaa ka amma gadi dhidhiisuutti jiran.

Namii walkeessa yaahuu jalqamnaan gorsa hin caqasuu, warrii tolaan barsiisulleen abdii dhabaa namillee tana irratti ufi dagata jedha.

Jaatanii Bonayyaa,yuniversitii Finfinneetti barataa injineeringii dirgii lammeessoon barachutti jiru.

Namii waan raagii Booranaa Areeroo Boosaroo “dhukkuba harka wal nama hanqisutti dhufa jedhee ganna dhibba hedduun duratti dubbateef jedhee amma harka wal hin fuudhu,” jedha.

Geejjibii amma walkeessa gadi dhidhiisan kun balaa irra nama buusa jedha.

Mooyyalee karaa korma sadeeniiti,karaa mootummaan sadii, Itoophiyaa, Keenyaa fi Soomali oliin seenuu waan taheef balbaltii tun karra qabaattee Mooyyaletti laabratooriin vaayireessii koronaaitin laalan jaaramuu malte jedha.

Aktivisti Hamzaa Hamzaa Booranaa Finfinnee fi gabayaa Oromiyaa fulaa hedduutti namii waan dhukkubii kun jiru itti hin fakkaatuu akkuma durii jiraata jedha.

Namii maaliif dhiba kana hin sodaanne jennaan “osoo mootummaan nama kuma kurnya hedduu qoratee dhibamaa hedduu gadi baase namii sodaachuu jalqaba jedha.

“Labsii muddamaatti fayyadamee nama walti bahuu dhowwuu qaba.”

Yaadawwan Ilaali (2)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG