Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waldorgommii Kubbaa Miilaa Oromoo Awurooppaa Hagayya tokko Jalqabanii Nezerlanditti Qopheessa


Waldrogommii Kubbaa Miilaa Oromoo Awurooppaa Hagayya 1-3, Nezerlaanditti Jalqaban
Waldrogommii Kubbaa Miilaa Oromoo Awurooppaa Hagayya 1-3, Nezerlaanditti Jalqaban

Waldrogommii Kubbaa Miilaa Oromoo Awurooppaa Hagayya 1-3, Nezerlaanditti Jalqaban
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:04 0:00

Oromoon biyya ASwurooppaa jiranillee akkuma ka ardii North America jiranii wal jaaranii gannuma gannatti biyya irra maranii kubbaa miilaatiin wal dorgoman.

Dorogmmiin Awurooppaa ta baranaa 4essoo. Akka warrii qopheesse jedhetti ispoortii qofaa mitii Oromummaa jabeessaa,waan hedduun akka waliin qabaatan tolcha.

Dorgommii baranaa akka koree qopheessitu keessaa Mohaammad Abdurahiman jedhetti kilabii 8tti walin taphata.

Kaayoon isii guddoo ummata walti fiduu, “waa’ee Oromoo irratti ulfaa jirtu hundaan fayyadamnee ummata kana waltiiff fiduu.”

Kilabii saddeettan keessaa:

Gaaddisa Oromoo, Nezerlandis

Caayaa Istavangara,Noorweey

Madda Walaabuu, Ingilaandi

Gadaa Oromoo,Paaris

Abdii Boruu, Nezerlandis

Kilabii Osloo, Noorweey

Guyyaa dorgommiin tun dhumattu Qamar Yuusufitti sirbaan biyya gammachiisa.

Dorgommii Hagayya 1 jalqabdu tun Hagayya 3 dhumatti istaadiyoomii Uturaasitti keessatti taphatan.

Dorogmmii tana bara 2018 Osloo,Noorweeyitti qopheessee kilabii Caayaa Istavengaritti waancaa fudhate.

Waldorgommin ispoortii Oromoo Awurooppaa Oromummaa jabeessuuf waan hedduun nama gargaarti
Waldorgommin ispoortii Oromoo Awurooppaa Oromummaa jabeessuuf waan hedduun nama gargaarti

​Mohaammad Alii Maanee warra dorgommii tana qopheesse keessa jira.

Namii jiruu baqaa keessa jiru wal irraanfata akka wal irraa hin bannee fi waan hedduun quba wal qabaannuu fi waan hedduun wal bira dhaabbannuuf wal ijaarra jedhe.

Ijoolleen Oromoo Aurooppaa jirtu akka Abdurahimanii fi Mohaammad jedhanitti hujii hojjachaa barnootalleen akka dansaa jiran.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG