NFL,National Football League,Liigii Kubbaa Miilaa Ameriakati. Dorgommii harkaa fi miilaan taphatan. NFL kialbii 32 qabdi. Soddomii lamaan tun AC fi NFC keessaa walti filan. Amma 8tti walti hafe.
Jara kanallee marsaa akka akkaa irratti gargar baasan. Tapha marsaa qaraatiin Wild Card jedhan
Amma warrii walti hafe Baltimore Ravens,
San fransico 49ers,Kansas City Chief, Minnesota Vikings, Green Bay Packers, Seattel Hawikcs, Tennessi Titans,Houston Texnas, fi Baltimore Ravens
Dorgommii Liigii Kubbaa Miilaa Amerikaa tapha tokotti nama 22ti taphata.
Gareen tokko nama 11 qaban.Taphii tokko haga 3:12 deema. Marroo hedduu boqonnaa bahan.
Dorgommiin tun dorgommii Amerikaan guddo jaalattu.Nama 11 keessaa namii horii miliyoon ahedduu baasaniif QB, Quarterback.
Namii kun nama cehee hin dadhamne,kubbaa darbatee fageessu.Nama malaa fi maltee jabduu tapha kanaa beeku.
Namii kun gara jidduu gula jiraa isatti kubbaa namaa dabarsa.
Quarter back dorgommii NFL keessaa gannatti doolara miliyoon ahedduu argatan
- Seattle Sea hawks Russell Wilosn doolara million 35
- Steelers QB Ben Roethlisberger: doolara miliyoona 34
- Packers QB Aaron Rodgers: doolara Miliyoona 33.5
- Eagles QB Carson Wentz: doolara Miliyoona 32
Jarii walti hafe lamaan dorgommii waancaa NFL 2020 Super Bowl LIV taphatan. Super Bowl baranaa Gurrandhalaa 2,2020 Mayaamiitti taphatan.