Kenyan Music Festival wal dorgommii manneen barnoota Keenyaa baruma baranaan irrratti wal dorgoman. Tana waliin marroo 93sssoo. Baranallee godina(county) Keenyaan qabdu 47 keessaa wal dorgoman.
Faaruu waaqaa,sirba aadaa,sirba biyya gama dhiyaa,daansii Afrikaa, sirba Indii fi waan hedduun wal dorgoman.
Sirba aadaatiin mana barumsa ijoollee dubraa sadarkaa lammeessi Isiolo tokkeessoo tahee moo’e
Lammeessoon mana barumsa sadakraa lammeessoo ijoollee dhiiraa godina Marsabeetitti moo’e.
Sadeessoo ammoo mana barumsa sadarkaa lammeessoo ijoollee dhiiraa Isiolotti moo’e.
Ijoolleen mana barumsa sadarkaa lammeessoo ijoollee dubraa sirba Booranaa wayaa Booranaa hidhatanii sirbanii moo’an.
Abdii Dhibaa Godaanaa daarektra mana barumsa sadarkaa lammeessoo ijoollee dhiiraa Isoloti. Manii barumsaa isaa sirba Booranaatii fi Konsoo sirbee moo’e.
Sirba waataa,sirba Gabraa fi sirba hedduu sirban.Sirbii kun ka akka namii bineensa baddaa hin ijjefne,akka namii aadaa ufii jabeessuu, ka hariyaan waliin faarituu fi hedduu sirban.